Shape

Seexanatu Nabiyyii Muhammaditti (sallallaahu aleyhi wasallam) Dhufe Moo Malaa’ikaadha? Kutaa 3ffaa

  • Home
  • Amantaa Lamaan
  • Seexanatu Nabiyyii Muhammaditti (sallallaahu aleyhi wasallam) Dhufe Moo Malaa’ikaadha? Kutaa 3ffaa

KUTAA 3ffaa.

Ammas gaafii isaan kaasantu jira, innis akkamitti malaa’ikaan bifa namaatiin dhufuu danda’a? kan jedhuudha.
Deebiin kanaas macaafuma isaanii keessas jira, garuu isaan macaafa dubbisuu osoo hin taane qabatanii shubbisutti amanu.

daani’el 9:21.

”dubbii kanaan kadhachaa utuun jiruu, gabri’el inni nama fakkaate ani duraan mul’atatti nan arge, yeroo aarsaa galgalaatti dadhabee utuun jiruu balali’ee na bira ga’e”

akkuma mul’atu kana daani’el gabri’el bifa namaatiin nama fakkaatee akka isatti dhufe dubbata.

Isa Kanaan wal qabatee yeroo jibriil nabiyyii keenyatti (nagaan isaaniif haa ta’uu) dhufu barattoonni/sahaabonni isaanii argaa turan, yeroo hedduu bifan nama beekaniitiin dhufa, akkasumas bifan nama isaan hin beekneetiinis ni dhufa.

HADIISA BUKHAARII LAKK.3235.

عَنْ مَسْرُوقٍ، قَالَ قُلْتُ لِعَائِشَةَ ـ رضى الله عنها ـ فَأَيْنَ قَوْلُهُ ‏{‏ثُمَّ دَنَا فَتَدَلَّى * فَكَانَ قَابَ قَوْسَيْنِ أَوْ أَدْنَى‏}‏ قَالَتْ ذَاكَ جِبْرِيلُ كَانَ يَأْتِيهِ فِي صُورَةِ الرَّجُلِ، وَإِنَّهُ أَتَاهُ هَذِهِ الْمَرَّةَ فِي صُورَتِهِ الَّتِي هِيَ صُورَتُهُ، فَسَدَّ الأُفُقَ‏

Narrated Masruq:

I asked Aisha “What about His Statement:– “Then he (Gabriel) approached And came closer, And was at a distance Of but two bow-lengths Or (even) nearer?” (53.8-9) She replied, “It was Gabriel who used to come to the Prophet (ﷺ) in the figure of a man, but on that occasion, he came in his actual and real figure and (he was so huge) that he covered the whole horizon.”

Hiikni isaas: masruuq akkana jedhee aa’ishaa gaafate, mee waa’een keeyyata kanaa akkami? suuraa 53:8-9 ”inni (jibriil) itti dhi’aate, gad bu’es, hanga gooboo lamaa itti dhi’aate, ykn achii gadiyyuu itti dhi’aate” isheenis ni jette: ”inni sun jibriil; inni bifa namaa/dhiiraatiin isatti dhufaa ture, inni yeroo kana ammoo bifuma isaatiin isheedhuma dhugaa saniin isatti dhufe; inni (yeroo sana) moggaa samii/hawaa ni cufe (guddina isaatiin).

Hadiisni kun jibriil bifa namaatiin dhufaa turuu isaatiifi, bifa ofii isaatiinis nabiyyii keenyatti mul’atuu isaa ibsa.

Yeroo baay’ee bifa namaatiin yeroo dhufutti, dihiyaa fakkaatee mul’ata.

HADIISA BUKHAARII LAKK. 3634.

أَبُو عُثْمَانَ: أُنْبِئْتُ أَنَّ جِبْرِيلَ ـ عَلَيْهِ السَّلاَمُ ـ أَتَى النَّبِيَّ صلى الله عليه وسلم وَعِنْدَهُ أُمُّ سَلَمَةَ، فَجَعَلَ يُحَدِّثُ ثُمَّ قَامَ، فَقَالَ النَّبِيُّ صلى الله عليه وسلم لأُمِّ سَلَمَةَ ‏ “‏ مَنْ هَذَا ‏”‏‏.‏ أَوْ كَمَا قَالَ‏.‏ قَالَ قَالَتْ هَذَا دِحْيَةُ‏.‏ قَالَتْ أُمُّ سَلَمَةَ ايْمُ اللَّهِ مَا حَسِبْتُهُ إِلاَّ إِيَّاهُ حَتَّى سَمِعْتُ خُطْبَةَ نَبِيِّ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم يُخْبِرُ جِبْرِيلَ أَوْ كَمَا قَالَ‏.‏ 

Narrated Abu `Uthman:

I got the news that Gabriel came to the Prophet (ﷺ) while Um Salama was present. Gabriel started talking (to the Prophet (ﷺ) and then left. The Prophet (ﷺ) said to Um Salama, “(Do you know) who it was?” (or a similar question). She said, “It was Dihya (a handsome person amongst the companions of the Prophet (ﷺ) ).” Later on Um Salama said, “By Allah! I thought he was none but Dihya, till I heard the Prophet (ﷺ) talking about Gabriel in his sermon.

Hiikni isaas: abuu usmaan akkana jedhe: ”anatti himamee jira jibriil nabiyyii muhammad (sallallaahu aleyhi wasallam) osoo ummu salamaan (haadha manaa isaaniiti) bira jirtu akka itti dhufe, nabiyyiin (sallallaahu aleyhi wasallam) ummu salamaan akkana jedhan, eenyuudha inni kun beektaa? isheenis ni jette, inni kun dihiyaadha; (nama sahaabota keessaa akkaan bareeduudha) ergasii ummu salamaan akkana jette, ani allaahiin kakadhee jira! ani dihiyaa malee nama biraa hin seene, hanga nabiyyiin (sallallahu aleyhi wasallam) waa’ee jibriil gorsa keessatti kan dubbatan dhaga’etti”

namni abu usmaanitti hime ammoo usaamaa ilma zeydiiti; inni barataa nabiyyii keenyaati.

hadiisa kana keessatti akkuma ibsame, jibriil dihiyaa fakkaatee dhufaa ture, sababni isaas bifa bareeduma isaati; seexanni kan namatti mullattuun bifa fokkataadhaan akka ta’e uumamni keenya iyyuu ragaadha.

akkuma bifa nama beekamuutiin dhufu, bifa nama hin beekamneetiinis ni dhufa.

HADIISA MUSLIM LAKK. 8.

ثُمَّ قَالَ ابن عمر حَدَّثَنِي أَبِي عُمَرُ بْنُ الْخَطَّابِ قَالَ بَيْنَمَا نَحْنُ عِنْدَ رَسُولِ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم ذَاتَ يَوْمٍ إِذْ طَلَعَ عَلَيْنَا رَجُلٌ شَدِيدُ بَيَاضِ الثِّيَابِ شَدِيدُ سَوَادِ الشَّعَرِ لاَ يُرَى عَلَيْهِ أَثَرُ السَّفَرِ وَلاَ يَعْرِفُهُ مِنَّا أَحَدٌ حَتَّى جَلَسَ إِلَى النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم فَأَسْنَدَ رُكْبَتَيْهِ إِلَى رُكْبَتَيْهِ وَوَضَعَ كَفَّيْهِ عَلَى فَخِذَيْهِ

He further said: My father, Umar ibn al-Khattab, told me: One day we were sitting in the company of Allah’s Apostle (peace be upon him) when there appeared before us a man dressed in pure white clothes, his hair extraordinarily black. There were no signs of travel on him. None amongst us recognized him. At last he sat with the Apostle (peace be upon him) He knelt before him placed his palms on his thighs…

Hiikni isaas: inni (ilmi umar) achi booda (haasawa dura dubbate booda) ni jedhe, abbaan koo umar ima kaxxaab akkana jedhee anatti hime, osoma nuti barattoonni walgeenyee ergamaa allaah bira teenyu, namntichi uffanni isaa akkaan addaatu, rifeensi mataa isaas akkaan gurrachatu, kan mallatoon imalaa isarraa hin mul’anne, kan nu keessaa namni tokkos isa hin beekne wahii nutti mul’ate, inni gara nabiyyii (sallallaahu aleyhi wasallam) dhufee, jilba isaa gara jilba isaatti (nabiyyiitti) hikise, harka isaa lamaan immoo gudeeda isaa lamaab irra kaa’e…

bifuma kana fakkaatuun abuu hureeraanis waan kana gabaasee jira; hadiisaa bukhaarii lakk. 50.

Hadiisa kana keessatti kan ibsame, jibriil nama hin beekamnes fakkaatee dhufuu isaati, ergasii nabiyyiin muhammad (sallallaahu aleyhi wasallam) barattoota isaanii waa’een isaa kun dhibnaan, deemaa barbaadaa! jedhaniin, guyyoota muraasaaf barbaadanii dhaban, sababni waa’een isaa isaan dhibeef immoo, namni sun nama isaan beekanii miti, akkasumas nama imala irraa dhufes miti, silaa utuu imala irraa dhufe ta’ee, bifti isaa ni jijjiirama, uffanni isaa ni xuraa’a, mataan isaas ni daalachata, garuu inni kun isa kana hundumaa hin qabu, dabalataan immoo nabiyyii muhammadiin (sallallaahu aleyhi wasallam) waa’ee bu’uura amantii gaafata, garuu deebi’ee dhugaa dubbatte/deebiin kee dhugaadha jedhaan, yeroo gaafatu akka nama wallaalaati, yeroo dhugaa jette jedhu immoo, akka barsiisaati, kanatu akka waa’een isaa isaan dhibu taasise.

Erga isaan barbaadanii dhabaniin booda, Hadiisuma kana keessatti gara xumuraatti nabiyyiin Muhammad (nagaan isaaniif  haa ta’uu) inni dhufe sun jibriil akka tahe ibsaniifi jiran.

فلبثت ملياً، ثم قال‏:‏ يا عمر أتدري من السائل‏؟‏ قلت‏:‏ الله ورسوله أعلم‏.‏ قال‏:‏ فإنه جبريل أتاكم يعلمكم أمر دينكم

The Messenger of Allah kept silent for a while then he said to me, “O ‘Umar! Do you know who the questioner was?” I replied, “Allah and His Messenger know better.” The Prophet (ﷺ) said, “He was Jibril (Gabriel); he came to you to teach you your religion.

Hiikni isaas: ”(umartu jedha) ani yeroo muraasa turee, ergasii inni (nabiyyiin) yaa umar! inni gaafii gaafate sun eenyu akka ta’e beektaa? anaan jedhe, anis ni jedhe, allaahiifi ergamaa isaatu beeka; inni (nabiyyiin) ni jedhe, inni sun jibriil; inni amantaa keessan isin barsiisuuf dhufe”

Yeroo lolaattis jibriiliifi miikaa’el dhufanii nabiyyii Muhammad wajjiin lolaa akka turan sa’ad ibnu abii waqqaas akkana jedhee nuuf gabaase.

عَنْ سَعْدٍ، قَالَ رَأَيْتُ عَنْ يَمِينِ ، رَسُولِ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم وَعَنْ شِمَالِهِ يَوْمَ أُحُدٍ رَجُلَيْنِ عَلَيْهِمَا ثِيَابُ بَيَاضٍ مَا رَأَيْتُهُمَا قَبْلُ وَلاَ بَعْدُ ‏.‏ يَعْنِي جِبْرِيلَوَمِيكَائِيلَ عَلَيْهِمَا السَّلاَمُ ‏.‏

Sa`d reported that on the Day of Uhud I saw on the right side of Allah’s Messenger (ﷺ) and on his left side two persons dressed in white clothes and whom I did not see before nor after that, and they were Gabriel and Michael (Allah be pleased with both of them).

Hiikni isaas: ”guyyaa uhud ani argee jira gara mirga ergamaa allaahitti ammas gara bitaa isaaniitti nama lama, uffata adii kan uffatan, achi dura isaan argee hin beeku achi boodas isaan hin argine, jibriiliifi mikaa’el itti baana”

Jibriil bifa namaatiin mul’atee barattoota nabiyyii Muhammad (sallallaahu aleyhi wasallam) biratti irra deddeebiidhaan argamuu isaa ragaaleen mul’isan kanniin malees hedduutu jiru.

FKN: bukhaarii lakk. 2602, musnad ahmad lakk 25140, bukhaarii lakk 4041.

Kijiba guddaa kiristaanonni gariin dubbatan kanaaf deebii akka ta’uuf, namni seexanni itti dhuftu nama akkamii akka tahe ibsuufiin dirqama, namni yeroo dubbatu bu’uura sammuu haa ta’uu ykn bu’uura amantiii, waan irratti irkatu qabaachuun dirqama, sababni kiristaanonni akkanatti dhama’aniif isuma kana, wantoota bu’uura ta’an macaafa isaanii keessaa argachuu hin danda’an waan ta’eef yaada bu’uura hin qabne burqisiisu, nuti immoo galata rabbiitiin wanta hunduma bu’uura madaalawaa taheefi kan wanti hundi ittiin madaalamu qabna, innis qur’aana rabbiiti, itti aansee jechoota nabiyyii Muhammad (sallallaahu aleyhi wasallam).

Qur’aana keessatti rabbiin yeroo ibsu, namni seexanni itti dhuftu jallattoota, nama kijibaa, nama cubbuu irratti bobba’u akka tahe dubbata.

suuraa 26:221-223.

هَلْ أُنَبِّئُكُمْ عَلَى مَنْ تَنَزَّلُ الشَّيَاطِينُ * تَنَزَّلُ عَلَى كُلِّ أَفَّاكٍ أَثِيمٍ * يُلْقُونَ السَّمْعَ وَأَكْثَرُهُمْ كَاذِبُونَ

Hiikni isaas: ”isinitti himuu eenyu irratti sheyxaanonni akka buutu! isheen ni buuti nama kijibaa, cubbuu hojjatu irratti, isaan (sheyxaanonni) waan dhaga’an isaanitti darban, irra baay’een isaanii kijibdoota”

Nabiyyiin muhammad (sallallaahu aleyhi wasallam) immoo jireenya isaanii guutuu keessatti, cubbuu hojjatanii hin beekan, kijibaniis hin beekan, sheyxaanotaanis walitti dhufeenya qabaatanii hin beekan, osoo isaan hin ergamin dura hawaasni isaan keessa jiraatan maqaa tokkoon moggaasanii turan, ASSAADIQ AL AMIIN, akkana jechuun ”nama yeroo hundumaa dhugaa dubbatu, nama amanamaa” jechuudha, isaaniin duraafi boodas namni hawaasni guutuun walii galee maqaa akkanaa kenneef hin jiru.

kanaafuu qur’aanni dubbii karaa ergamaatiin dhufe malee, dubbii seexanaatii miti.

Rabbiin qu’aana keessatti akkana jedhee dubbata.

suuraa 81:19-27

إِنَّهُ لَقَوْلُ رَسُولٍ كَرِيمٍ * ذِي قُوَّةٍ عِنْدَ ذِي الْعَرْشِ مَكِينٍ * مُطَاعٍ ثَمَّ أَمِينٍ * وَمَا صَاحِبُكُمْ بِمَجْنُونٍ * وَلَقَدْ رَآهُ بِالْأُفُقِ الْمُبِينِ * وَمَا هُوَ عَلَى الْغَيْبِ بِضَنِينٍ * وَمَا هُوَ بِقَوْلِ شَيْطَانٍ رَجِيمٍ * فَأَيْنَ تَذْهَبُونَ * إِنْ هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ لِلْعَالَمِينَ

Hiikni isaas: inni (qur’aanni) dubbii ergamaa kabajamaati (kan ergamaan kabajamaan dhufee dubbateedha), (ergamaan sun) abbaa dandeettii kan ta’e, gooftaa arshii birattis sadarkaa kan qabu, achitti (gubbatti) kan tole jedhamu, amanamaas kan ta’e, namni keessan kun (muhammad) maraataa miti, isa (ergamaa san) moggaa samii/hawaa keessatti argee jira, inni (muhammad) nama yaada isaatiin/sehaadhaan waan fagaatu dubbatuu miti, inni (qur’aanni) dubbii sheyxaana darbamaatii miti, isin eessa deemtu/maaliif dhamaatu?, inni (qur’aanni) kun aalama hundumaaf gorsa malee waan biraa miti.

Akka keeyanni kun ibsetti, kan nabiyyii muhammaditti (sallallaahu aleyhi wasallam) dhufe itti dubbate ergamaadha malee, seexana miti, ergamaan immoo kan dubbatu waan ittiin ergameedha, ergamaan eessa irraa ergame? gaafii jedhuuf immoo suuraa 26:191-192 ilaaluun ni danda’ama, achitti rabbiin/gooftaa aalamaa biraa akka dhufe ni dubbata.

Dabalataan jibriil mataan isaatuu yeroo nabiyyiin muhammad maaliif turte jedhanii isa gaafatan, akkana jedhee deebii kenne.

suuraa 19:64

وَمَا نَتَنَزَّلُ إِلَّا بِأَمْرِ رَبِّكَ

[gabriel said] ”and we [angels] decsend not except by the order of your lord”

Hiikni isaas: jibriil jedhe, ”nuti malaa’ikoonni ajaja gooftaa keetiitiin alatti hin buunu”

Akkana jechuun malaa’ikaan ajaja rabbii qabatanii dhufan jechuudha, akkasumas ajaja rabbii raawwachuudhaaf samii irraa gad bu’an.

Dubbiin kun jibriil akka ilaallatu hadiisa bukhaarii lakk 7455 ilaaluun ni danda’ama.

 Gara xumuraatti Gaaffii kiristaanonni of gaafachuu qaban tokkotu jira;

  1. innis nabiyyii keenyatti seexanatu itti hime yoo ta’e, maaliif seexanni qur’aana keessatti diina ifa galaadha jedhame, ammas karaa isaa irraa goramuu akka qabu maaliif ibsame?

FKN: suuraa 2:168, 2:208, 2:268, 4:38, 4:60, 4:76, 4:119,120, 5:90,91, 6:142, 7:22, 7:27, 12:5, 16:98, 17:27, 17:53, 17:64, 19:44, 22:52,53, 24:21, 25:29, 27:24, 28:15, 35:6, 36:60 fii kkf.

  1. Maaliif qur’aana keessatti rabbiif akka sagadamu, akka isaaf soomamu, cubbuu irraa akka fagaatamu, tokkichummaan rabbi akka lallabamu ibsame?

FKN: suuraa 2:3, 2:43, 2:110, 2:177, 2:43, 5:90-91, 2:183, 17:32, 9:119, 2:4, 5:32, 6:151-152, 17:23-38, 31:12-19, 49:1-13 fii kkf.

Seexanatu qajeele moo? kiristaanotatu kijibe?

Seexanni waa hin qajeellee; kiristaanotatu kijibe malee.

Ammas waan isaan gaafatamuu qabantu jira;

  1. Waaqni keessan yesus guyyaa afurtamaaf seexanaan qoramaa ture, akkasumas barataa isaa jajjaba phexros jedhamu, kan waldaa koo sirrattan ijaaradha jedheen, seexana jedheenii moggaasee jira, dabalataan immoo akka macaafni keessan jedhutti yeroo yesus qabamuudhaaf deemu, yihuudaa ganticha kan jedhame, kan yesusiin dabarsee kenne, akka inni isa dabarsee kennuuf buddeena afaan keennaan seexanni itti seene jedha.

maarqos 1:12-13.

”hafuurri qulqulluun achumaan yesusin gara lafa onaatti in baase, yesus lafa onaa keessa guyyaa afurtama bubbule, seexanaanis qoramaa ture, achittis bineensota giduu ture, ergamoonni waaqayyoos isaaf in ergamu turan”

Akkuma mul’atu akana yesus seexanaan qoramaa ture, kun ammoo kan ta’e hafuurri qulqulluun qabee lafa onaa erga geesseen booda, hafuurri qulqulluun achi geessee, seexanni qorte jechuun immoo, hafuurri qulqulluufii seexanni waliin hojjatan jechuu fakkaata.

maatiwos 16:17-23.

”kana irratti yesus deebisee, ”yaa simoon ilma yoonaa! ati kan ayyaanomteedha, kana abbaa koo isa waaqa irra jirutu sitti mullise malee, yaadni nama foonii sitti hin mul’ifne, anis sittan hima, akkuma phexros jechuun dhagaa jechuu ta’e, ati dhagaadha; anis dhagaa hin sochoone kana irratti waldaa koo nan ijaara, gooftummaan du’aas matuma waldicha irratti humna hin godhatu, hin mo’us”… inni garuu garagalee phexrosin ”na duraa turi seexanaa nana! ati gufuu anatti taate, ati kan namootaa malee kan waaqayyoo hin yaaddu” jedhe”

Kunis kan mul’isu, yesus namticha waldaa koo sirratti ijaaradha jedheen, deebisee seexana ta’uu isaa ibsuudha.

yohannis 13:21-27.

jalqaba irraa waa’ee namticha yesusiin dabarsee kennuu dubbata, mallattoo isa sanaa barattoonni isaa isa gaafannaan akkana jedhee deebiseef.

”inni ani buddeena afaan kaa’ata tokko cuuphee kennuuf isa” jedhee deebiseef , si’uma sana buddeena afaan kaa’ata tokko cuuphee, yihuudaa ilma simoon nama biyya keriyootiif kenne, yihuudaan akkuma buddeeicha afaan kaa’ateen, seexanni isatti gale…

Ergaan yesus yeroo eegaltu qormaata seexanaatiin eegalte, waldaan isaas nama seexana jedhame irratti hundeeffamte, duutii yesus kan amantii kiristaanaa keessatti bu’uura taates karaa seexanaa dhufte, seexanni yihuudaa akka seenu kan godhe ammoo yesus, yihuudaan immoo gahee isaatiin buddeenicha yesus afaan kaa’e nyaatee, dabarsee isa kenne, inni akka meeshaatti itti fayyadamame malee, hojiin kan raawwatame karaa yesusiifi seexanaatiin, isa kana isaanuu ni amanu, du’uu yesus keessaa yesusis qooda akka qabu, akkasumas seexannis qooda akka qabu itti amanu.

akkana jechuun seexanaafii yesus  walitti hidhata guddaa qabu jechuudha.

Kun hundi waan isaan barreeffatan; nuti ammoo akka muslimootaatti yesusiin seexanni bifa isaan himaniin qoruu akka hin dandeenye ni beekna.

  1. Macaafa keessan keessatti waaqayyo seexana wajjiin mari’ata, isatu is erga, yeroo garii ammoo seexannis yaada ni qoodaaf, (subhaanallaah).

Macaafa iyoob 2:1-7.

”Ammas gaaf tokko warri waaqa irraa “Ilmaan Waaqayyoo” jedhaman fuula Waaqayyoo duratti argamuudhaaf in dhufan; Seexannis immoo fuula Waaqayyoo duratti argamuudhaaf isaanii wajjin in dhufe, Waaqayyo, “Ati eessaa dhufte?” jedhee, Seexanicha in gaafate; Seexanichi immoo, “Lafa irra asii fi achi, olii fi gad deddeebi’aa tureen dhufa” jedhee Waaqayyoof deebii in kenne, Waaqayyo yommus Seexanichaan, “Iyoob garbicha koo irra yaada kee keessee ree? Biyya lafaa irra namni akka isaatii hin jiru, inni hir’ina kan hin qabne, nama qajeelaa, nama ana Waaqayyoon sodaatu, nama waan hamaa irraas goruu dha; ofumaa isa irratti ka’ee akkan isa balleessuuf ati ana taasifteetta; inni garuu amma iyyuu qajeelummaadhuma isaatti jabaatee jira” jedhe, Yommus Seexanni deebisee Waaqayyoon, “Inni fayyaa isaa ti, gogaan isaa iyyuu hin tuqamne; namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna, Mee harka kee ol fuudhiitii lafee isaa fi foon isaa rukuti! Inni iyyuu mul’inatti si arrabsa” jedhe, Waaqayyos Seexanaan, “Kunoo, inni harka kee keessa jira, waa’ee lubbuu isaaf garuu of eeggadhu!” jedhe, Kana booddee Seexanni fuula Waaqayyoo duraa ba’ee adeemee, Iyoobin faana miilla isaatii hamma gubbee mataa isaatiitti iita madaa’uun in rukute”

Keeyyata kana keessatti akka ibsametti, waaqayyoofii seexanni akka hiriyyaatti wajjiin dubbatu, inumaa seexanni waaqayyoon dhiibbaa irratti uumuudhaan iyoobiin akka inni miidhu godhe, nama dinqisiisa.

samu’el 1ffaa 16:14.

”amma immoo hafuurri waaqayyoo saa’ol irraa in fagaate, hafuurri hamaan waaqayyo sitti erge immoo si dhiphisaa jira”

akkuma mul’atu kana, waaqayyo seexana wajjiin mari’ata, isatu isas ergas, mee maal jettu isa kanaan kiristaanonni?.

Isinis seexana ni jibbitu erga tahee, maaliif waaqayyo macaafa keessatti wajjiin haasawa? akkamittis seexanni waaqayyo keessan qorte? akkamitti waaqayyoon irratti dhiibbaa uumuu dandeesse?.

beekumsa hundumaa caalu kan rabbii keenyaati.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*