Shape

Gooftaa kan jedhaman hedduudha.

Wal marii Muslimoota fi kiristaanootaa guyyaan gaye, ganama
keessa sa’a 3:00 yeroo gahu baay’inni namoota walitti qabamanii haalaan nama gammachiisa

Arab:- Jalqabni dubbi maqaa Rabbii Rahgmata qabuuti.
Qur’aan suuraa Aali’Imran boq. 3 lakk.85

<<Namni Diinaa Islaamaa dhiisee diinaa biraa barbaadu, namni erga Nabi Muhammad (a.s.w) ergame diinaa           Islaamaa dhiisee diinaa bira qabatu, irraa hin qeebalamu,Rabbiin irraa hin jaalatu, Namni diinaa Islaamaa                      dhiisee diinaa biraa kiristaanaa tayuu,kan Yihuuda’aa tayuu,…qabate, inni guyyaa boruu(qiyaamaa) warra khasaaraa Zalaalami’ii khasaaramerrayi, waan ibiddi zalaalamii isa eggatuuf.>>
Qur’an suuraa al Kgankabuut boq.29 lakk 41

<<Warri Rabbiin ala (asnaama) Rabbi godhatee Raabbii tokkichaa achitti gabbaru, kan asnaamni nu fayyaddii yaadu, wanni isaan
fakkaatan,saaphaphuu yookiin sharariitii mana ijaarattee, manni isii ka Rooba, Adu’uufi qabbanaa, ow’aafii waan isii miidhu irraa hin dhoowwineeti. Irra laafaan maan mana saphuphaati, Osoo beekan silaa waan san hin gabbaran(ibaadan)>>

  • Ummata keessa; tokko harka baasee, anin kiristaana,waaqa itti amane itti hin qaanfadhu, Akka waaqa tahes shakkii hin qabu. Kiristaana keessaas protestaantii hordofa, Iyyasuus Gooftaa dha! Siin waliin wal mari’atuuf qophaa’ee dhufe.
  • Arab:– qophooftee dhufuun kee haalaan na gammachiisa, gara wal tajjii Dhihaadhu. Masfin:- anin maqaan koo Masfin jedhama, warroota wangeela waaqa Yesus ummataaf geessu keessaa tokko, haleluyaa!
  • Arab;– mata dureen wal marii keenyaa kanuma atin eegalte kanarratti haa tahuu?
  • Masfin;– eeyyee! Mata duree kanaan ala hin hayyamu wangeela yohaannis boq.13 lakk.13 Isin Barsiisaafi Gooftaa naan jettani ee akkasuma Barsiisaafi gooftaadha. Akkasumas kitaaba qulqulluu keenya keessatti bakka heddutti Iyyasuus Gooftaa jedhame, isin ummanni Muslimaa gooftummaa isaa maalif diddan?
  • Arab;– Gooftaa jedhamee yaammamuun isaa qofti Waaqa isa hin gootuu, sabaabaanis, Gooftaa kan jedhaman Hedduudha!
  • Masfin;-kitaaba qulqulluu keenya keessatti Yesus malee gooftaa kan jedhame tokkolleen hin jiru.
  • Arab;- hin jiruu mitii hin agarre jedhi! Kitaabuma qulqulluu keessan kan
    Atin harkatti qabattee dhufteen kana, Hiikka Amaariffa salphaa kan bara 1980 hiikkame jedhamuun beekkamaa. seera lakkofsaa boqonnaa.11 lakkofsa. 28
  • Masfin;- kan irratti Iyyaasuun ilmi Nun inni ijoollummaa isaa irraa eegalee gargaatuu Musee ture, Yaa Musee Gooftaa ko! Jara tana dhoowwi jedheen.
  • Arab;- pheexroos 1ffaa boqonna 3 lakk.6 dubbisi
  • Masfin;- Saaraan akkas Abrahaamiif abboomamaa (ajajamaa) Gooftaa koo jettees isa waamaa turte.
  • Arab;- Kitaaba seera mootota 1ffaa boqonna 18 lakkofsa 7-8 dubbisi.
  • Masfin;-Obaadiyaan otuu adeemaa jiruu, Eliyaasii wajjiin walitti dhufan,
    Obaadiyaan namichi isatti dhufe Eliyaas ta’uu isaa hubatee,lafa ga’ee qoomma’eefi (sujuudeefi) Ati dhuguma gooftaa koo Eliyaasii? jedhee is gaafate. Eliyaas immoo Eyyee ana, dhaqiitii Eliyaas as jira jedhiitii Gooftaa keetitti himi jedheen
  • Arab;- obboleeyyan kiyya isin hunduu qalbiin na dhagayaa(xiinxalaa)
    Eliyaas Gooftaa Jedhaniin. Akka Masfin jedhe yoo taate, Eliyaasis Waaqa tahuu isaatii mitii? Eliyaasis eeyyee anaa as jiraachuu kiyya deemii gooftaa keetitti himi jedheen, kanaafuu Oobadiyaan gooftaa 2ffaa qaba jechuudha Gooftaa jechuun guutumaan guututti hiikkaa Waaqa jedhu hin
    Kennu, gooftaa jechuun hogganaa(dura Bu’aa) jechuudha. Ammas kitaaba seera mootota 2ffa boqonna 6;15 dubbisi
  • Masfin;- wayyoo kaa yaa Gooftaa koo! maal goonu? jedhee? gaafate.
  • Arab;- boqonnuma kana lakkofsa 21 dubbisi
  • Masfin;-Mootiin Isra’el yommuu isaan arge,Yaa Gooftaa koo! Isaan fixuu? jedhee isaan gaafate.
  • Arab;-kanaafuu Jarri tunis waaqa jechuu keeti kaa? Yesusiin waaqa godhuuf, Gooftaa jedhamee waammamuun isaa, waaqa isa godha yoo kan jettu taate, haalaan nama gaddisiisa.
  • Ummata keessaa:- Takbiir!
  • Muslimoonni:– hundinuu Allahu Akbar!
  • Mafin;- hafuurri qulqulluun siin wajji akka hin mormine na dhoorge.
    Ana na gahee, haganarra siin mormuun cubbuu(dilii) dha.
  • Arab;-waltajjiin kun kan wal mariiti malee, kan Mormiitii miti, hafuurri qulqulluun siin wajjiin wal mormuu na dhoorge kan jetteef ammoo, hafuurri qulqulluun kee osoo kan dhugaa tahee gara wal tajjii dhufuu keetiin dura silaa sidhoorga ture, kun haqa diduudhaaf falaasafa dadhabaa isin ooftan. Kana Muslimni sirraa fudhatu hin jiruu, ummatuma prootestaantiitiin,sobi.
  • Masfin;– mata duree wal marii haa jijjiirruu!
  • Arab;-Ajaa’iba qabda! Yeroo wal marii eegallu, mata duree biraatiif akka hin heyyamne Duubbattee turte, amma ofumaaf keetii mata duree jijjiiri jettaa? wal tajjii kana dhiiftee deemta malee, mata duree eegalle kana osoo hin xumurre, mata duree haaraya hin jalqabu. Kitaaba seera mootota 2ffaa boqonna 2 lakkofsa 25 dubbisi
  • Masfin;-anin hin dubbisu!
  • Arab;- yoo Atin dubbisuu baatte anatu dubbisa. “(Gehazin) gara manaa deebi’ee seene, Eliyaas hanga ammaa eessa turte?” jedhee gaaffate, Gehazinis, lakki anin garuyyuu hin dhaqne(deemne) jedhee deebiseef. Ammas dabalata kitaaba Saamu’eel isa duraa boqonna 25 lakkofsa 26 Gooftaa koo diinonni si Miidhuu hedan hundinuu, akka nabaal haa ta’an harka fuudhaan ani garbitti kee si gooftaa koo.
  • 1.Abraham gooftaa jedhame.
  • 2.Muuseen gooftaa jedhame.
  • 3.Elsa’a Gooftaa jedhame.
  • 4.Eli gooftaa jedhame.
  • 5.Daawit Gooftaa jedhame. Keeyyattoota hamma ammaa dubbisne keessatti, hundinuu waaqa(Rabbi) jechuu keeti kaa?
  • Masfin;- wal tajji gadi dhiisee deeme! Arab;- <<suuraa Al ahqaaf boqonna 46 lakk. 32  << Namni nama haqatti nama yaamu jalaa hin owwaanne, kan isa Dhagayee hin amanne dheefaan(baqatee) Rabbiin hin dadhaabsiisu,dachii tanarraa bakka azaaba Rabbii jalaa itti bayu hin qabu, Nama
    yaaminsa haqaa hin dhageenye saniif, namni Rabbii achitti dirmatee,
    Azaaba Rabbii irraa dhoowwu hin jiru, nama isaa tumsu kan isaa tolu hin qabu>>
  • Akka warroonni seenaa himanitti kitaaba Za Davichi kood kan Dan Brown qopheesse keessatti Yesuusiin Gooftaa” jettee Kan yaamaa turte, haadha isaa osoo hin tahin, Jaartii isaa akka turte nutti himu. Alamaayyahu;-ummata keessaa harka baasee, hanga reefuu si hordofaa turree, Amma garuu waan hin taane fidde! Hiriyoota isaa lama wajjiin gara wal tajji bahe, Yesuus jaartii hin qabu!
  •   Dhuguma Yesuus Jaartii Qabaa?    itti fufa…..

Comment (1)

  • ABDULWAHID ABDO

    May 11, 2024

    As wr wb maashaa’allaah baayyee namatti tola, baayyee natti tolee dubbisaa ture, osoo natti mi’aahee dubbisaa jiruu narraa dhaabbate
    Maaloo itti nuuf fufaa !
    Jzk
    Galatooma

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*