Shape

Barsiisa Iyyasuus kiristoos

Barsiisni Iyyasuus kiristoos maal ture?
Xiyyeeffannoon guddaan barsiisa Iyyasuus kiristoos, waa’ee Tokkochummaa Rabbii akka ta’e Qur’aanaa fi macaafa keessattis dubbatamee jira. Mee haa ilaalluu!

” Yesus deebisee, “Inni hundumaa irra caalu, ‘Dhaga’i, yaa Israa’el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha. ”
(Wangeela Marqoos 12: 29)

Kiristaanonni hedduun, ilaalchota dogoongora irratti hundaa’uudhaan Iyyasuus kiristoos gabbaru. Garuu barsiisni isaa akkas hin turre. Yesuus kiristoos waaqqessuun gati dhabeessa ta’uu dubbatee jira.

” ana waaqessuun isaanii akkasumaan, abboommii namaa akka seera Waaqayyootti barsiisu isa jedhe ba’eessa dubbate” jedhe.” (Maatiwoos 15: 9)

Iyyasuus kiristoos gaaffii yahuudotaan gaafatame ennaa deebisu akkana jedheera.

Gurguddoota Yihudootaa keessaa tokko, “Yaa barsiisaa gaarii, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal godhu?” jedhee isa gaafate. Yesus immoo deebiseefii, “Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru. [Wangeela Luqaas 18:18_19]

Namni tokkos gaafa tokko gara yesuus dhufuudhaan, yaa barsiisaa gaarii jannata (jireenya bara baraa) argachuudhaaf maal hojjachuu qaba jedhee gaafate. Innis deebiseefii akkana jedheen;

Kunoo, namni tokko gara Yesus dhufee, “Yaa barsiisa! Jireenya bara baraa qabaachuuf hojii gaariin gochuun anaaf ta’u maal inni?” jedheen. Yesus immoo, “Waa’ee hojii gaarii maaliif ana gaafatta? Isa tokkicha sanatu gaarii dha; jireenya sanatti galuuu yoo feete garuu, abboommota eegi! ittiin jedhe. [Wangeela Maatiwoos 19:16_17]

Yesuus kiristoos seera waada moofaa keessa jiru tokkos shaaruudhaaf, akka hin ergamnes dubbateera. Waa’ee kanaa Maatiwoos haala armaan gadii kanaan barreesseera.

[Yesus, “Seeraa fi barsiisa raajotaa diiguudhaaf waanan dhufe hin se’inaa, ani isaan raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin dhufne. Ani dhuguman isinitti hima, hamma waaqnii fi lafti badanitti seericha keessaa fidalli xinnaan tokko yookiis gar tokkoon fidalaa odoo fiixaan hin ba’in hin badu].(Wangeela Maatiwoos 5:17_18)

Ergamaan anaan booda ergamu, waanuma hunda isiin barsiisa jedhees dubbateera.

” Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa. “(Yohaannis 14: 26)

Kitaabani seera uumama waa’ee dhagna qabachuu ilaalchisee akkana jedha:

Ammas kakuun koo inni anaa fi si gidduutti, namoota kee gidduutti, si booddeedhaanis sanyii kee gidduutti eeguun isiniif ta’u, ‘Isin keessaa dhiirri hundinuu dhagna haa qabamu!’ isa jedhuu dha.  Isin gogaa foon keessan haguuge dhagna qabadhaa! Kunis kakuu isa anaa fi isin gidduutti dhaabateef milikkita in ta’a.[Seera uumamaa 17:10-11]

” Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.”
(Yuhaannis 17: 3)

Dubbiin kanneen armaan olii fakkaatan, Qur’aana keessattis bakka heddutti dubbatamaniiru.

إِنَّ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُۗ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ

Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan; kanaafuu Isa gabbaraa. Kun karaa qajeelaadha.” [Suuraa  Aal-Imraan 3:51]

Karaan qajeela Iyyasuus kiristoos barsiise, karaa Islaamummaa qofa. Daandii tokkochummaa Rabbiiti. Qur’aanni akkana jedha.

وَإِذْ قَالَ ٱللَّهُ يَٰعِيسَى ٱبْنَ مَرْيَمَ ءَأَنتَ قُلْتَ لِلنَّاسِ ٱتَّخِذُونِى وَأُمِّىَ إِلَٰهَيْنِ مِن دُونِ ٱللَّهِۖ قَالَ سُبْحَٰنَكَ مَا يَكُونُ لِىٓ أَنْ أَقُولَ مَا لَيْسَ لِى بِحَقٍّۚ إِن كُنتُ قُلْتُهُۥ فَقَدْ عَلِمْتَهُۥۚ تَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِى وَلَآ أَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِكَۚ إِنَّكَ أَنتَ عَلَّٰمُ ٱلْغُيُوبِ

Yeroo Rabbiin “Yaa Iisaa Ilma Maryam! sila situ namootaan anaafi haadha kiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama taasifadhaa jedhee?” jedhu [yaadadhu][Inni] ni jedhe: “Ati qulqulloofte! Ani waan dhugaa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta’u. Yoo ani isa jedheera ta’eef, ati dhugumatti isa barteetta. Waan lubbuu kiyya keessaa ni beekta. Ani waan nafsii kee keessaa hin beeku. … itti fuufa…

Comment (1)

  • ABDULWAHID ABDO

    June 12, 2024

    Galatooma
    maalo itti nuuf fufa!?

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*