Shape

AA’ISHAAN UFFATA ABBAA WARRAA ISHEE, KAN NABIYYII MUHAMMAD MAALIIF QULQULLEESSITE? 1FFAA

  • Home
  • Amantaa Lamaan
  • AA’ISHAAN UFFATA ABBAA WARRAA ISHEE, KAN NABIYYII MUHAMMAD MAALIIF QULQULLEESSITE? 1FFAA

QULQULLINNA UFFATA NABIYYII KEENYAA (SALLALLAAHU ALEYHI WASALLAM)

KUTAA TOKKOFFAA.

Akka kiristaanonni naamusa hin qabne tokko tokko jedhanitti, aa’ishaan uffata nabiyyii Muhammad (sallallaahu aleyhi wasallam) irraa bishaan sanyii kormaa rigdee miicciti jedhan.

Isa kanaaf ammoo hadiisa ibnu maajah lakk. 537 akka ragaatti dhiyeeffatan.

Wanti yyadni kun itti xiyyeeffate immoo, aa’ishaan sababa bishaan dhiira irraa argamu uffata nabiyyii Muhammad irraa miicciteef, nabiyyiin Muhammad (sallallaahu aleyhi wasallam) nabiyyii dhugaa tahuu hin danda’an yaada jedhu fakkaata.

Walumaa galatti nabiyyiin Muhammad (sallallaahu aleyhi wasallam) waan dubartii isaanii wajjiin ciisaniif nabiyyii tahuu hin danda’an yaada jedhu irratti xiyyeeffataniiti.

DEEBII:

Akkuma beekamu, yaadni kun isaan irraa kan burqe sababa bu’uura dhabuu isaaniitiifi, amantii isaanii keessatti namni waaqa ta’a, waaqni nama ta’a, seerri nabiyyiin tokko qabaachuu qabu maal akka ta’e hin beekan, nabiyyiin tokko immoo nabiyyii kijibaa ta’uu isaa maaliin akka adda baasanis hin beekan, macaafa tokko bu’uura kamiin akka fudhataniifi dhiisanis hin beekan.

Dubbii kanaaf silaa deebii kennuunis gaarii hin turre; sababni isaas, yaadni kun nama waa hin dubbifnee fii waa’ee amantii hin beekne irraa kan burqe waan taheef.

Hundaafuu sababa wallaalota aameen jedhanii waan hunda fudhataniitiif jecha deebii gabaabaa itti kennina.

Deebii kanaas bakka heddutti qoodnee ilaalla.

  1. Nuti waan hundumaaf bu’uura waan qabnuuf; bu’uura irra dhaabbannee dubbanna.

Rabbiin yeroo nabiyyoota hunda ergu nabiyyoota nama irraa ta’an, kan dhiira ta’an, kan fuudhan, ammas ijoollee kan qaban godhee erge; osoo dhiira tahuun, fuudhuun, ilmas godhachuun nabiyyummaa kan nama dhoowwu tahee, silaa rabbiin nabiyyoota kanniin hin ergu ture.

Fuudhuun guutamuudha malee, hir’ina miti; haadha warraa wajjiin ciisuunis gammachuudha malee; sagaagalummaadhaa miti.

Rabbiin qur’aana keessatti akkana jedha:

Suuraa 21:7-8.

وَمَآ أَرْسَلْنَا قَبْلَكَ إِلَّا رِجَلا نُّوحِىٓ إِلَيْهِم ۖ فَسْـَٔلُوا أَهْلَ ٱلذِّكْرِ إِن كُنتُمْ لَا تَعْلَمُونَ * وَمَا جَعَلْنَـٰهُمْ جَسدا لَّا يَأْكُلُونَ ٱلطَّعَامَ وَمَا كَانُوا خَـٰلِدِينَ

We did not send ˹messengers˺ before you ˹O Prophet˺ except mere men inspired by Us. If you ˹polytheists˺ do not know ˹this already˺, then ask those who have knowledge ˹of the Scriptures˺ We did not give those messengers ˹supernatural˺ bodies that did not need food, nor were they immortal.

Hiikni isaa: nuti ergamtoota siin duraa dhiira beeksisa itti goonu/mul’ata itti mul’ifnu malee hin ergine, yoo isa kana hin beenee, warra beekumsa qaban gaafadhaa!, isaan san (ergamoota) qaama nyaata hin nyaanne isaan hin goone, isaan warra bara baraan lafa irra jiraatus miti.

Akka keeyatoonni lamaan kun ibsanitti, ergamtoonni ergaman hundumtuu dhiira, akkasumas kan nyaata nyaatan, kan du’aan, qaama kan qabaniidha.

Beekumsi waa’ee kanaa immoo durumaanuu yihoodota bira jira waan ta’ee warri akkaataa rabbiin nabiyyoota itti ergu hin beekne akka isaan gaafataniif affeere; yihoodonni akka kiristaanotaa miti, yihoodota biratti rabbiin nama miti, namnis rabbi miti, yihoodonni nabiyyootas dhugaa ta’uu isaanii wanta ittiin baruu danda’an ni qabu, garuu erguma dhugummaa isaanii beekanii hedduu nabiyyootaa ajjeessanii jiru, akka hundattuu isaan hamma tokkos ta’u bu’uura ni qabu; garuu kiristaanonni bu’uura nabiyyoota ittiin beekan mitii, kan waaqaafi nama ittiin addaan baasan hin qaban, sababa kanaaf nabiyyiin tokko wanti namarraa argamu yoo irraa mul’ate ni abaaru, ni arrabsu.

Inni kun nama macaafa dubbisuu danda’u irraa waan malu miti ture; rakkoon jiru garuu, isaan macaafa dubbisanii bu’uuressuu irra qabatanii shubbisuu filatu.

Waa’ee fuudha nabiyyootaatiin wal qabatee immoo rabbiin akkana jedha.

Suuraa 13:38.

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا رُسُلا مِّن قَبْلِكَ وَجَعَلْنَا لَهُمْ أَزْوَٰجا وذُرِّيّة ۚ

We have certainly sent messengers before you ˹O Prophet˺ and blessed them with wives and offspring.

Hiikni isaas: nuti dhugaadhumaan, ergamoota siin duratti erginee jirra, haadholee manaatiifi ijoollee/sanyii isaaniif kenninee jirra.

Aayanni kun kan ibsu, ergamoonni ergaman guutuun isaaniituu kan fuudhan, ijoollees kan qaban tahuu isaaniiti.

Nabiyyoota guutuu keessaa fedha dubartii akka hin qabne kan ibsame, yahyaa ykn yohannis cuuphaa kan jedhamuudha; suuraa 3:39.

Wanti nama dinqisiisu gaafileen kiristaanonni har’a gaafatan, gaafilee warri waaqa tolfamaa waaqessu gaafataa turaniidha, warri sun yeroo nabiyyii keenya (sallallaahu aleyhi wasallam) wajjiin wal morman, achi duras nabiyyoota duraanii wajjiin yeroo wal morman gaafileen isaan dhiyeessan keessaa; ergamaan rabbii akkamitii nama ta’a? suuraa 10:1, suuraa 11:27, suuraa 14:10, akkamitti nyaata nyaata? akkamitti daldala? suuraa 25: 7, gaafilee akkanaa dhiyeessan.

gaafilee kana hundumaaf rabbiin keenya tokko tokkoon deebii itti kennee jira, isaan mormii baay’ifnaan immoo, mee warra beekumsa qaban gaafadhaa! jedheen, warri sun yihoodota keessaa warra amananiidha, warri amanan hafeetuu, warri hin amanne iyyuu yhoodota keessaa gaaffii akka kanaa gaafatanii hin beekan.

Waa’ee nyaata nyaachuufi daldaluutiin wal qabatee rabbiin akkana jedhee deebiseef.

Suuraa 25:20.

وَمَآ أَرْسَلْنَا قَبْلَكَ مِنَ ٱلْمُرْسَلِينَ إِلَّآ إِنَّهُمْ لَيَأْكُلُونَ ٱلطَّعَامَ وَيَمْشُونَ فِى ٱلْأَسْوَاقِ ۗ

We never sent any messenger before you ˹O Prophet˺, who did not eat food and go about in market-places.

Hiikni isaa: nuti ergamaa kamillee siin dura hin ergine, isaan kan nyaata nyaatan, akkasumas bakka daldalaas/gabayaas kan deeman goonee malee.

Rabbiin yeroo namoota keessaa filatee nabiyyoota ergu, kanuma akka isaanii waa nyaatu, kan dhugu, kan fuudhu, kan afaan isaanii dubbatu, aadaa walii galaa isaaniitiin kan jiraatu erge, ergamoonni rabbii hundinuu warroota akkuma namni jiraatutti jiraataa turaniidha, uffannaan isaanii uffannaa amma nuti uffannu kana miti, dubbannaan isaaniis akkasuma, fuudhaa fii heeruma keessatti akka nuti har’a raawwannu kanattii miti, nyaata keessattis akkasuma.

sababa kana ta’eef rabbiin keenya waa’ee iisaa/yesus yeroo dubbatu, isaafi haati isaas (mariyam) nyaata nyaataa akka turan dubbata.

Suuraa 5:75.

مَّا ٱلْمَسِيحُ ٱبْنُ مَرْيَمَ إِلَّا رَسُولٌۭ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِ ٱلرُّسُلُ وَأُمُّهُۥ صِدِّيقَةٌۭ ۖ كَانَا يَأْكُلَانِ ٱلطَّعَامَ ۗ ٱنظُرْ كَيْفَ نُبَيِّنُ لَهُمُ ٱلْـَٔايَـٰتِ ثُمَّ ٱنظُرْ أَنَّىٰ يُؤْفَكُونَ 

The Messiah, son of Mary, was no more than a messenger. ˹Many˺ messengers had ˹come and˺ gone before him. His mother was a woman of truth. They both ate food. See how We make the signs clear to them, yet see how they are deluded ˹from the truth˺!

Hiikni isaa: masiihiin ilmi mariyam ergamaa egamtoonni isa dura dabran malee, waan biraa miti, haati isaas dubartii dhugaati, isaan lamaanuu nyaata nyaatu, mee akkaataa nuti mallattoolee/keeyyatoota itti isaaniif  ibsinu ilaali! ammas mee xiinxalii ilaali akkaataa isaan (dhugaa irraa) jallifaman.

Dhuguma osoo ibsi kun hundi jiru, jallatuun isaanii waanuma nama dinqisiisu!.

Macaafa isaanii keessas kan jiru kanuma fakkata; yesus nyaata nyaachaa ture, beela’ee jiras, harma haadha isaa hodhees guddate.

Luuqaas: 11:27.

”yesus utuu kana dubbachaa jiruu, namoota achi turan keessaa, dubartiin tokko sagalee ishee dhageessiftee, ”gadaamessi si baatee fii harmi ati hootee haa gammadan” jette”.

Maatiwos. 11:19.

”ilmi namaa yommuu dhufe, in nyaata, in dhugas; isaan immoo’ilaa nama albaadhessaafii machaa’aa kana … ‘ jedhan”

Albaadheessa jechuun nama sagaraan isa irraa ba’u jechuudha.

Erga nabiyyoonni nyaachuun jiraatee, wanti nyaata booda dhufus akka jiru beekamaadha, fincaa’uu, sagaraan isaan irraa ba’uu, dhiiguu, bishaan sanyii kormaa isaan irraa ba’uu, dallanuu, gammaduu, dadhabuu, beela’uu, fii kkf.

Maatiwos. 15:17.

Wanti afaaniin lixu hundinuu, mar’umaanitti darbee bakkeetti akka ba’u hin qalbifattanii ree?”

Ni qalbifanna isa kana; garuu kiristaanotatu qalbifachuu dide malee.

Wantoonni kunniin isaan irraa argamuun nabiyyummaa waan isaan dhoowwuu miti, inumaa namummaa isaanii mirkaneessee waan gad dhaabuudha, wanti uumamaafi uumaa ittiin addaan baafnuuniyyuu inni guddaan isa kana.

Garuu kiristaanonni waaqni yoo fincaa’e, sagaraan isa irraa ba’e, yoo nyaatee, dhuge, yoo beela’e, yoo dadhabe isaan biratti rakkoo hin qabu, namni nabiyyummaa qabu immoo yoo beela’e, yoo dadhabe, yoo dhukkubsate, yoo fincaa’e, yoo haadha manaa isaatiin wal ga’e, yoo bishaan isa irraa ba’e nabiyyummaa dhaba; waan nama dinqisiisuudha kun! madaala kamiin madaalame yaadni kun?.

Yesus ilma dhiiraati; (luuqaas 1:31) ilmi dhiiraa qaama saalaa dhiiraa kan qabuudha, yoo qaamni isaa guutuun fayyaa qaba ta’e akkuma dhiira hundaa, wanti dhiira irraa argamu hundinuu isa irraas ni argama, nu biratti akkana; isaan biratti immoo fayyaa qaba moo hin qabu? kan jedhu gaafiidha.

Bu’uurri kun kiristaanota bira waan hin jirreef, nabiyyoota gurguddaa akka abrahaam, yaaqoob, ishaaq, muusaa, haaruun, daawud/daawit, suleymaan/salamoon arrabsu, yesusiin ammoo isa dhiira tahee dhalateen hin fuune jedhanii waan yaadaniif, warroonni fuudhan warra jireenya boodaatiif hin yaadne jedhanii lafa kaa’u; inni kun dogongora gurguddaa isaan bira jiruudha.

Fuuti karaa nabiyyootaati; dubartii wajjiin jiraachuun gammachuu jireenyaati.

ITTI FUFA…

Comments (2)

  • Arabi

    May 18, 2024

    Bareeda MashaAllah

  • Kerima

    May 24, 2024

    Maashaa Allah haala gaarii ta’eefii ifa ta’een ibsame rabbiin hojii keessan mindaashee jennatul a’alaa isiniif hataasisu inshaa Allah

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*