Shape

AA’ISHAAN UFFATA ABBAA WARRAA ISHEE, KAN NABIYYII MUHAMMAD MAALIIF QULQULLEESSITE? 2FFAA

QULQULLINNA UFFATA NABIYYII KEENYAA (SALLALLAAHU ALEYHI WASALLAM)

KUTAA LAMMAFFAA.

2. Hadiisni kiristaanonni fidatan kan sunan ibni maajah 537 irratti argamu, hadiisa waa’ee akkaataa qulqulleeffannaa ibsuudha, akkuma beekamu barreessitoonni hadiisaa hedduun isaanii, kitaaba isaanii kan ittiin jalqaban boqonnaa qulqulleeffannaati (كتاب الطهارة) (the chapter of purification), bu’uuruma kanaan ibnu maajahis boqonnaa qulqulleeffannaa keessatti hadiisa kana fide, isa qofas osoo hin taane muslimilleen hadiisa kana boqonnaa qulqulleeffannaa keessatti dubbate.

Islaamummaa keessatti barsiisa waan hundumaatu jira, islaamummaan akkuma keessi kee akka qulqullaa’u si ajaju, gubbaan kees akka qulqullaa’u si ajaja, rabbiin yeroo jalqaba aadamiin uumu uffata wajjiin uume, yeroo inni cubbuu dalagetti immoo uffatni sun isa irraa ni ka’e, kunimtinuu keessaafii gubbaan akka wal qabatu ni mul’isa, namni tokko keessi koo qulqulluudha jechaa gubbaa isaatiin xuraa’uun fokkisaadha, gubbaan koo qulqulluudha jechaas keessi yoo xuraa’e hunduma irra fokkisaadha, dhugaan immoo keessaafii gubbaanis qulqullaa’uudha, isa kana kan nama barsiisu rabbi qofa.

nabiyyiin muhammad (sallallahu aleyhi wasallam) yeroo waan kana ibsan akkana jedhan.

Sahiih muslim. 223.

.عَنْ أَبِي مَالِكٍ الأَشْعَرِيِّ، قَالَ قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم ‏ “‏ الطُّهُورُ شَطْرُ الإِيمَانِ

Abu Malik at-Ash’ari reported:

The Messenger of Allah (ﷺ) said: Cleanliness is half of faith.
Hiikni isaa: ergamaan allaah (sallallaahu aleyhi wasallam) ni jedhan, ”qulqulleeffachuun walakkaa iimaanaati”.
iimaana jechuun keessa keetiin amantee, gubbaattis hojiidhaan mul’isuudha.
Qulqulleeffannaan walakkaa iimaanati jechuun immoo, inni hojii guddaa gubbaadhatti mul’ifamu, kan hojiileen hedduun, kan akka salaataa, qur’aana qara’uu, xawaafaa fa’i ittiin raawwatamu jechuudha, walakkaan inni hafe immoo keessa keetitti amantii qabaachuudha; kanaafuu islaamummaan keessaafi gubbaan namaa akka bareedu itti ajaja.
Yeroo jalqaba nabiyyii muhammaditti (sallallahu aleyhi wasallam) ajajni ummata akeekkachiisuu itti kennamu, rabbiin keessa isaaniitiifi gubbaa isaaniis akka qulqulleessan ajajee ture, gubbaa isaanii uffata isaanii qulqulleeffachuudhaan; keessa isaanii immoo rabbiin guddina isaa yaaduudhaan, hojii keessattis keessa isaaniitti qulqulluu ta’uudhaan, obsuudhaan, akkasumas waaqolii tolfamoo keessa ofiitiin didanii isaan dhiisuudhaan akka qulqulleessan itti himamee jira.
Suuraa 74:3-7.
وَرَبَّكَ فَكَبِّرْ * وَثِيَابَكَ فَطَهِّرْ * وَٱلرُّجْزَ فَٱهْجُرْ * وَلَا تَمْنُن تَسْتَكْثِرُ * وَلِرَبِّكَ فَٱصْبِرْ
Revere your Lord ˹alone˺, Purify your garments, ˹Continue to˺ shun idols, Do not do a favour expecting more ˹in return, And persevere for ˹the sake of˺ your Lord.
Hiikni isaa: gooftaa kee qofa guddisi/kabaji! uffata/woyaa kee qulqulleessi!, waaqolii tolfamoo hordofuu irraa fagaadhu!, wanti irra caalu akka siif ta’u yaadaa/kajeelaa waan tokko hin dalagin! (rabbumaaf jecha dalagi malee, faayidaa duniyaatiif hin dalagin), gooftaa  keetiif jecha rakkoo si qunnamu irratti  obsi!
Akkuma mul’atu kana islaamummaan gubbaafi keessas tolcha, garuu yihoodota yoo ilaalle, gubbaa isaaniitiif malee keessa isaaniitiif hin dhimman; kiristaanonni immoo gubbaa isaanii akka barbaadan godhu, keessa qofa yoo tolfatte gahaadha jedhu; garuu adeemsa keessa waaqa sadi gochuudhaan, waaqni nama ta’ee mul’ate jechuudhaan keessaa isaaniis xuraa’ummaatti of kennanii jiru;, dubbii namaa, barsiisa namaa akka barsiisa rabbiitti fudhatanii jiru; barsiisa waa’ee qulqullummaa, kan kakuu moofaa keessa jiru diiguudhaan seera rabbii guutumatti cabsanii jiru; yeroo hedduu waa’ee qulqullina qaamaa, kan uffataa irratti gaafii kan kaasaniifis sababuma kanaafi!.
Nuti immoo (alhamdulillaah) gubbaan keenyaafi keessi keenyas kan rabbii waan ta’eef, ajaja rabbii keenyaatiin gubbaafi keessa keenyas ni qulqulleeffanna, akkana yeroo jedhu namni muslima ofiin jedhu hundi xuraa’aan hin jiru jechuu koo miti; tokko tokko kan keessa ofii cubbuu hojjachudhaan, tokko tokko immoo gubbaa ofii xureessuudhaan kan mul’atan jiru; garuu inni sun nama amantii isaarraa fagaate jedhama, amantaan rakkoo qabaatee osoo hin taane, rakkina nama san irraa ka’eedha.
Bu’uuruma kanaan ture barsiifni aa’ishaas, muslimoota biratti qulqullummaan akkamiin akka ta’u kan barsiisu rabbiidha jedhamee waan yaadamuuf, muslimoonnis ergamaa rabbii (sallallaahu aleyhi wasallam) irraa akkaataa qulqullummaa fudhatu, jechaafii gocha isaanii irraas ni fayyadamu.
waan nabiyyiin mul’inatti dalagan arganiitu irraa baratu, waan hin mul’anne yookiin waan mana keessatti isaan hojjatan immoo haadholii manaa isaanii irraa baratu.
Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne, wanti qaama saala dhiirraa keessaa ba’u (yeroo fayyaatti) wantoota afur, 1- fincaan, 2- mazyii (bishaan adii, haphii, yeroo haadha manaa wajjiin taphatan namarraa argamu), 3- wadyii (bishaan yeroo waan ulfaatu baatanfaa namarraa argamu), inni kun garuu nama hunda irraa miti kan argamu, 4- bishaan namni irraa uumamu/maniyyii (semen) kan jedhamudha.
wantoonni afran kun hundi seera mataa isaanii qabu, sadan duraa yoo uffata tokko tuqan, uffanni sun bishaaniin qulqulleeffamuu qaba, inni afraffaan immoo kan namni irraa dhalatuudha, inni sun uffata yoo tuqe, bishaaniin qulqulleessuun dirqama miti, karaa kamiiniyyuu qulqulleessuun ni danda’ama, riganii deemsisuudhaan haa ta’u, bishaaniin dhiquudhaan yoo qulqulleessan gahaadha, garuu seerri uffataafi kan qaamaa gara gara waan ta’eef, qaama guutuu dhiqachuun dirqama ta’a.
Isa kana hundumaa kan baruu dandeenye karaa nabiyyii muhammadiin (sallallaahu aleyhi wasallam), jechaafi gocha isaanii kan nuun gahe immoo barattoota isaaniitiifi haadholii manaa isaaniiti.

Akkaataa haadholiin manaa isaanii itti barsiisan keessaa barsiifni aa’ishaan barsiifte kun isa tokko, innis bishaan namni irraa dhalatu (semen) yoo uffata namaa tuqe, bishaaniin qulqulleessuun dirqama akka hin taane ibsuu isheeti, isa kanaaf immoo ragaan isheen fidatte, uffata abbaa warra ishee, kan nabiyyii muhammad (sallallaahu aleyhi wasallam) bishaaniin tuquun maletti quqqulleessaa turuu isheeti.

hadiisichi ishees isa kana.

Sunan ibnu maajah. 538.

عَنْ عَائِشَةَ، قَالَتْ رُبَّمَا فَرَكْتُهُ مِنْ ثَوْبِ رَسُولِ اللَّهِ ـ صلى الله عليه وسلم ـ بِيَدِي ‏.‏

It was narrated that ‘Aishah said:
“I often scraped it (semen) from the garment of the Messenger of Allah with my hand.”
Hiikni hadiisota kanniin lamaanii: aa’ishaan akkana jette, ”ani yeroo baay’ee uffata ergamaa allaah (sallallaahu aleyhi wasallam) irraa bishaan namni irraa dhalatu harka kootiin qoqqotee/walitti rigee qulqulleessa”
Akkuma asii olitti ibsamee ture, a’ishaan dubbii kana kan dubbatte, waa’ee qulqulleeffannaa uffattaan wal qabsiifteeti.
Sababni dubbii ishees: namni tokko keessumummaa dhufee mana ishee bule, hirriba keessa bishaan isarraa argame, ganama lafaa ka’ee uffata isaa osoo miiccatu hojjattuun aa’ishaa isa argite, achumaan dhaqxee aa’ishatti himte, aa’ishaan isa waamtee, maaliif miiccita? jennaan, hirriba keessa akka waa arge itti hime, bakka kanatti aa’ishaan bishaaniin miicuun/qulqulleessuun dirqama akka hin taane itti himte, isa kanaaf immoo akka ragaatti, isheen yeroo nabiyyiin keenya (sallallaahu aleyhi wasallam) jiran, uffata isaanii bishaaniin maletti walitti rigdee qeensa qubaa isheetiin qulqulleessaa akka turte itti himte; isa kanaaf ragaan:
Sahiih muslim. lakk. 290.
عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ شِهَابٍ الْخَوْلاَنِيِّ، قَالَ كُنْتُ نَازِلاً عَلَى عَائِشَةَ فَاحْتَلَمْتُ فِي ثَوْبَىَّ فَغَمَسْتُهُمَا فِي الْمَاءِ فَرَأَتْنِي جَارِيَةٌ لِعَائِشَةَ فَأَخْبَرَتْهَا فَبَعَثَتْ إِلَىَّ عَائِشَةُ فَقَالَتْ مَا حَمَلَكَ عَلَى مَا صَنَعْتَ بِثَوْبَيْكَ قَالَ قُلْتُ رَأَيْتُ مَا يَرَى النَّائِمُ فِي مَنَامِهِ ‏.‏ قَالَتْ هَلْ رَأَيْتَ فِيهِمَا شَيْئًا ‏.‏ قُلْتُ لاَ ‏.‏ قَالَتْ فَلَوْ رَأَيْتَ شَيْئًا غَسَلْتَهُ لَقَدْ رَأَيْتُنِي وَإِنِّي لأَحُكُّهُ مِنْ ثَوْبِ رَسُولِ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم يَابِسًا بِظُفُرِي ‏.‏

Abdullah b. Shihab al-Khaulani reported:

I stayed in the house of ‘A’isha and had a wet dream (and perceived its effect on my garment), so (in the morning) I dipped both (the clothes) in water. This (act of mine) was watched by a maid-servant of A’isha and she informed her. She (Hadrat A’isha) sent me a message: Whatprompted you to act like this with your clothes? He (the narrator) said: I told that I saw in a dream what a sleeper sees. She said: Did you find (any mark of the fluid) on your clothes? I said: No. She said: Had you found anything you should have washed it. Incase I found that (semen) on the garment of the Messenger of Allah (ﷺ) dried up, I scraped it off with my nails.

Akkuma mul’atu kana, hadiisni kun kan dubbatame, akkaataa itti qulqulleeffatan himuudhaaf.

Kiristaanonni yeroo gaafatan garuu, akkamitti nabiyyii muhammad (sallallaahu aleyhi wasallam) irraa bishaan argama?, akkamittis bishaan isaan irraa ba’e uffata tuqa? jedhanii dubbatu!; bakka kanatti kan gaafii namatti ta’u, kiristaanonni waan kana kaasan, kan kana dubbatan kun sanyii kormaa (sperm or semen) of keessaa qabuu laata? Kan jedhuudha.

Yoo kan qabaatan ta’e immoo, yoo akka tasaa isaan irraa ba’e, eenyutu miicaaf?, ofii isaaniiti miicatu moo? yookiin karaa haadha manaa isaaniitiin miicamaaf? moo osoma hin miicatin qilleensa faalu?.

Asumaanuu gaafii biraas gaafachuun ni danda’ama,  waa’ee qulqulleeffannaa, akkaataa salaataa, akkaataa soomaa, akkaataa bulmaata, sirna bultii ijaarachuu fii kan kana fakkaatu eenyu irraa barattu?.
Ammas fakkeenyaaf waa’ee qulqulleeffannaatiin wal qabatee, yesus maal barsiise? osoo jedhamee, wanti tokko hin jiru, phawlosis akkasuma, yesus ofii isaatiiyyuu dhiqatee beekaa? osoo jedhames deebiidhuma wal fakkaataa isaan irraa arganna; innis: inni kun waan nu yaachisu miti kan jedhuudha.

Kiristaanonni akka waan diigameetti ilaalu malee, kakuu moofaa keessattti akkaataan qulqulleeffannaa dubbatamee jira, innumtuu akkaataa namatti ulfaatuun dubbatame, akka isaan amananitti seera kana kan baase yesusiidha, seera kana keessatti wantoota ajaa’ibaattu dubbatama; mee sana keessaa bakka tokko fuunee haa ilaalluu!.

Inni kun Seera leewwota 15:16-18ti, isa kana keessatti, bishaan sanyii kormaa (semen or sperm) yoo nama irraa dhangala’e, guutummaa dhagna isaa dhiqachuu akka qabutu dubbatama, hamma galgalaatti immoo xuraa’aa (najisa) akka ta’u, wanti sanyiin kormaa sun tuqe ammoo, bishaaniin miiccamuu akka qabu, wanti sunis hamma galgalaa’tti xuraa’aa (najisa) akka ta’u, yoo haati warraatiifi abbaan warraas wal bira ga’an, sanyiin sun isaan irraa ba’e dhiqatuu akka qaban, hamma galgalaattis najisa akka ta’an barsiisa.

Kana barsiisuun isaa qulqullummaa isa dhoowwa yoo ta’e, macaafa kanaan akkamitti qulqulluu jedhanii yaadan?.

Garuu gama tokkoon dhugaa qabu, waaqayyo yoo akka tasaa sanyiin kormaa ala bahe, nama ajjeessa! sababuma kanaaf isaanis sanyii isaanii arganii hin beekan ta’a.

Seera uumamaa 38:9-10.

”onaan garuu sanyiin kan isaati akka hin jedhamne waan beekuuf, obboleessa isaa sanyii malee hambisuudhaaf, yeroo haadha manaa obboleessa isaa bira ga’u, isa sanyii ta’u (semen) sana lafatti naqee in balleessa ture, wanti inni hojjate kun waaqayyo duratti jal’aa ta’ee waan argame; kanaaf waaqayyo innis immoo akka du’u godhe”

Akka seera uumamaa 38:10 irratti barreeffametti, sanyii lafatti naquun jal’aa ta’ee argame jedha, sababa kanaaf waaqayyo namticha sana ajjeesse.

ITTI FUFA…

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*