Shape

MARKAZA IISAA A.S.

Markazni Iisaa Markaza Hubannoo Muslimtootaaf kennuufii Da’awaa Irratti Xiyyeeffateedha.
Maqaan Kunis Kan Moggaafame, Nabiyyii Kabajamaa Fii Ulfaataa, Iisaa
Ilma Mariyam Jedhamuun Beekamu, Kan Kiristaanonni Waaqa Jedhanii
Waaqessan Sanaaniidha; Kana Jechuun Iisaan Nu Biratti Kabaja
Guddaa Akka Qabu Mul’isuudhaaf.

Akka Hijiraatti 10/1444 – Dhaabbanni Kun Hayyama Majilisa Federaala Ithiyoophiyaa Irraa Fudhachuudhaan, Jaarmaya Of Danda’aa Tahee Dhaabbatee Jira, Dhaabbanni Kun eegalli Isaa Namoota Karaa Social Mediatiin Amantaalee Irratti Dubbataniin Qindaa’ee Kan Hundaa’eedha.
Dhaabbanni Kun Yeroo Hundaa’u Muslimoota Biyya Keenyaa, Keessattuu Muslimoota Oromiyaa Keessatti Argaman jiddu Galeessa Godhatee Kan Dhaabbateedha. Akka Yaada Hundeessitootaatti Dhaabbanni Kun Dhaabbata Namoota Muraasaan Hoogganamee, Namoota Muraasaan Kan Xumuramu Osoo Hin Tahin, Dhaabbata Dhalootaa Dhalootatti Dabru Akka Tahuudha.

Mul’ata.

Egaa Akkuma Beekamu, Wanti Hundumtuu Mul’ata Mataa Isaa Qaba, Mul’atni Dhaabbata Iisaa Ammoo:
1. Muslimootaaf Amantaa Isaanii Irratti Akka Jabaataniif Hubannoo Gahaa Kennuufii.

2. Amantaalee Biraatiif Ammoo Gara Islaamummaatti Yaamsa Dhiheessuufii, Ammas Gaafilee Isaan Kaasaniif Deebii Kennuu Irratti Kan Hojjatu. Mul’ata Kanniin Lamaan Irratti Hojjachuuf Ammoo Website Mataa Isaa Danda’e Qaba.
https://iisaa.org 

3. Du’aatota Biyya Keessa Jiran Erga Humna Godhanneen Booda Gargaaruu.
4. Muslimoota Sababa Amantiitiif Roorrifaman Bira Dhaabbachuu.
5. Naannolee Muslimoonni Sababa Beelaatiif Jecha Kafaran Gargaaruu.
FII KKF.

TARSIIMOO ADEEMSAA.

Dhaabbata Yaada Hanga Kana Gahu Qabuu Mitii, Sochiin Dhuunfaatuu Tarsiimotti Haajoma, Ilaalchuma Kanaan Dhaabbanni Kunis Ka’ee Dhaabbachuudhaaf Tarsiimoo Qopheeffate Qaba, Tarsiimoon Sunis Nama Irratti Kan Hundaa’eedha, Namni Ammoo Rabbiin Irratti Irkata. Irkoon Hin Cabne Rabbiin Qofa.
Hundee Amma Dubbatame Kana Irra Ijjannee, Tarsiimoo Dhaabbata Kana Dhaabuu Danda’an Keessaa Muraasa Kan Tahan.

1. Hooggansa Irraa Jalqabee Hanga Miseensaatti Hojii Kana Keessatti Rabbiif Jecha Hojjachuu.
Dhaabbanni Kun Bu’aa Duniyaatiif Kan Ijaarame Yoo Tahe Ni Diigama, Garuu Kan Rabbiif Jecha Hojjatame Yoo Tahe Itti Fufa, Isa Kanaaf Namni Hundi Dhaabbata Kana Dhaabuuf Yeroo Ka’u, Of Dhaabuu Osoo Hin Taane, Rabbiif Jecha Hojjachuutu Isa Irratti Dirqama, Wanti Bifa Kanaan Deemus Bakka Gaha.
2. Miseensa Gad Dhaabbataa Qabaachuu.
Miseensi Dhaabbanni Kun Ittiin Ijaaramuu Danda’u Miseensa Yeroo Muraasaaf Faayidaaf Deeggaree Biraa Deemu Osoo Hin Taane, Miseensa Gad Dhaabbataa Rakkinaa, Bal’inatti, Gaddaafi Gammachutti, Walii Galtee Ofii Jabeessaa, Wal Faalla’iinsa Ofii Sirreessaa Kan Deemuudha.
Asumaanuu Muslimoota Afaan Keenya Dubbatan Hundumaaf Akka Isaan Miseensummaan  Nutti Makaman Yaamsa Dhiheessinaaf.
Lakk: 0096534217290
Ykn: +49 1521 8711054

Irratti Karaa Wattsapp Nu Dubbisuudhaan Nutti Makamaa Rabbiin warra isaaf jecha hojjatee, bakka gahu nu haa taasisu.

MARKAZA IISAA A.S.HUBANNOOFI DA’AWAADHAAF.