Alamaayyahu;-kitaaba Qulqullus tahee Qur’an keessattis bakki takka ta Yesuus dilii(cubbuu) dalage jettu hin jirtu!
Arab;- MashaaAllah! Quraanas Qaraatee (dubbistee) jirtaa?
Alamaayyahu;-hin Qaraane (hin dubbisne) yeroo Mahbara Quddusaanonni barsiisan suuraa(boqonnaa) tokko tokko jalaa Qabadhe (barreeffadhe).
Arab;-Buruk isin hoo?
Buruk faan;- eeyyee nutis akkamu isaati!
Arab;- wangeela Luqaas boqonna 19;lakkofsa 27 dubbisi
Alamaayyahu;- (Yesuus) diinota kiyya warroota akka anin isaan irratti Moo’u hin barbaanne, fidaa ija koo duratti isaan Gorra’aa jedhe!. Kun kitaabni keennaa miti!
Buruk;- lakki kitaabni keennumaa! Garuu hiikkaa qaba!
Arab;- akka ummanni kun guutuun dhagayutti sagalee olkaasaa nuu hiikaa kaa! Afaan Oromoo kun garuu Afaan qajeelaa nama hundaaf galu natti fakkaata. ija koo duratti isaan Gorra’aa” jedhee ajajuun isaa dilii (cubbuu) dhaa mitii?
Buruuk faan;- Hiikuu sodaatan!
Arab;-abboo hiikkaan isaa hiikkaa ifa jiruu, obboleeyyan keenya ofin sobina!
Kasaahun;-anin Hiriyaa Alamaayyooti Afaan Oromoo kun Oromiffa ifaa qajeelaa. Yoo akkas hin tahin, ummanni kun hundu ragaa haa tahuu! Anin gama kiyyaan Aayata(keeyyata) akkana jedhu kitaaba keenya kana keessatti ardhuma arge.Namni akka kiyyaa kan hin argini hedduudha jedhee qiyaasa. Kan biraas yoo jiraate nuu dabali hiikkaa gallee abbotii keenya gaafannaa.
Arab;-haasoyni kee haalaan nama gammachiisa nama jechuun akkana. Alamaayyahu ammas wangeela Maatewos boqonna 10;34 dubbisi
Alamaayyahu;-anin hin dubbisu!
Kaasahun;- anatu dubbisa Yesus ammoo. Biyya lafaa irratti nagaa Fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin,anin Billaa fiduu dhufe malee nagaya fiduudhaaf hin dhufne.
Arab;-nama tokko isaa haasoyni akkanaa afaani bahu warroonni Poolisaa yoo dhagayan maal isa godhan, kan jedhuuf deebiin ifa jira! Kitaaba fakkenya boqonna 23 lakkofsa 31 dhugaatii nama macheessu dhuguu dhiisiitii, ijaanuu laaluun dhoorgaa dha. Garuu Yesus dhugaa ture, wangeela maatewoos boqonnaa 11 lakkofsa 18-19 dubbisi.
Kaasaahun;-Yohaanni yommuu dhufe,nyaata hin nyaatu, dhugaatis hin dhugu ture isaan ammoo inni Seexaana qaba jedhan. Ilmi namaa(Yesus) yommuu dhufe, in nyaata, (daadhii waynis) in dhugas,..
Alamaayyahu;-bakka kanatti dhugaatii daadhii kan jedhame kan nama
macheessuu miti!
Arab;-kitaabni Qulqulluun dhugaati daadhii guutumatti dhoorge, kan nama
macheessuu miti kan jedhu meetu? Erga kitaabni Qulqulluun dhoorge
Yesus mataan isaatuu maalif dhuga? Dilii(cubbuu) mitii?
Hunduu;-cal!
Arab;- Alamaayyahu! mee wangeela Maatewoos boqonna 26 lakkofsa 29 Dubbisi
Alamaayyahu;- Ammarraa jalqabee(eegalee) hamma guyyaa gaafa ani Mootummaa abbaa koo keessatti deebi’ee daadhii wayni kana akka hin dhugne isinitti hima.
Arab;- kitaaba wahii kan waldaan keessan Mahabar Quddusaan, maxxanse kan Hamara tawaahadoo bara 2000 maxxansa addaa jedhu irratti, Qur’aanni akkamitti boru jannata keessatti dhugaatin ni jirti jedha jedhanii waa heddu barressani turan. Garuu Yesus mataan isaa dhugaatiin Haaroyni akka abbaa ykn Rabbii isaa bira jirtu ifa godhee ture. Kanaafuu kan dachii tana irratti dhoorgame dhugaatii nama macheessuu dha. Osoo kitaabuma keessanuu haalaan beekanii kun isaanirratti gaaffii tahee islaamumma irraa waa hin himan ture. Akkas
jedhanii barreessuun isaan kitaabuma isaanii irraayyuu hubannoo akka hin qabne Muslimootatti himaa jiran. Kitaaba san keessatti wantoonni isaan islaamaan jedhan waa hedduudha,
inshaAllah waan isaan Islaama irratti barreessaniif deebiin kaluu kana wal jala gadidhiifama.
Alamaayyahu;- nuti haganarra siin wajjiin mari’atuu hin barbaannu Amantii teenya hin arrabsin, jedhee waltajjii gadi lakkise!
Arab;-arrabni atin haasoftu ka maali? Namni waan arrabaa dubbate tokkolleen hin jiru!
Ibraahim;- kitaaba kessan kan dubbisaa jirtan isinuma malee nu hii miti, yoo kitaabni keessan isin arrabse malee nuti isin hin arrabsine. Yeroo dhibii isin kitaaba fi Kaassettotaan akkasumas Ayyata Qur’aana ciccirtanii wal tajjii keessan irratti, islaama irraa waahimtan. Kiristaanoni tokko tokko Islaamatu nu arrabse jedhee mana mariitirra akka olii gadi deeman ni beekna,Ummanni keessan kan ortodoksii kitaabota isaan Muslimtoota kafarsiisuuf baasaan mee akka fakkeenyatti haa laalluu
1. ኢስልምናና አፍሪካ (በ1941)Islaamumaafi Afrika kan bara 1941 maxxanfame.
2. ለምን አልሰለምሁም? Maalif hin Islaamin?
3. በኢትዮጵያ የሃይማኖት መቻቻል ኣለን? Itoophiyatti Amantiin wal dandayuun ni jira?
4. ክስቶስና ቁረኣን ምን ኣገናኘዉ? Iissaaf Qur’aana maaltu walitti fide? kan jedhu.
5. እንድረስላቸዉ። haa dhaqqabnuuni
6. የ እግዚኣብሄርን ክብር ለሙስሊሞች ማካፈል። jaalala waaqaa Islaamaaf Qooduu
7.ኤልሸዳይ… Elshaday kan jedhu fi kan kana fakkaatan Heddudha
8.jaalatamaan obboleessi kenya Ustaaz Muhammad Kadir VCD isaa kan አስመሳዮችን ማጋለጫ kan fakkeessitoota saaxilaa! jedhu irratti Kitaabota ummanii ortodoksii waagga 40 fi 60 dura islaama kafarsiisuuf barreessan heddu garsiise, VCD isaas bakka kaassettonni Islaamaa itti gurguramanii ni argattu, bitattanii laaluu ni dandessu Namni wahis kan maqaan Mihrataab Jedhamu Dr\ Zakirii deebii kenne jedhee dubbii Dr\Zakir mummuree deebii jedhee VCD wahii gadi dhiisee, namni yoo deebii namaa kenne kaasseta guutuudhaaf deebii kenna malee dubbii namaa
cicciruun deebii miti. Deebii kenne jedhee VCD gadi dhiisuun isaa kun, ummata isaa keessatti maqaa barbaaduu malee haqa barbaadu miti.
VCD Dr/ Zakir warroota Amaariffaan hiikantu dogoggore malee Dr\Zakir hin dogongorre.
Kanas akka beektan barbaada, ለታላቁ ፍጥጫ ድንቅ
መልስ ija jabbeenya isaaniitif deebii Aja’iba VCD jedhu qopheessan obboleessa Kenya da’ii jaalatama Saadiq Muhammad waan isaan Islaamummaa irratti gadi dhiisaniif deebii Quubsaa tahe itti kennee jiraa laaluu ni dandeettu. Achirratti akka obboleessi keenna Sadiq Muhammad jedhutti namicha Dr\zakirii deebii kenne jedhe san, koottu wal mari’annaa jedheeni, Namichi kiristaanaa dhufuu dide. Osoo wanni inni gadi dhiisee dhugaa taatee silaa sodaatee hin didu. Sodaatee diduun isaatuu, akka wanni inni Islamumma irratti gadi dhisee sirri hin tahin agarsiisa. Warroonni akkasii kan islamummaa irratti kitaaba barressan, yoo dhugaa jedhani amanan ifaan ifatti nuun haa mari’atanii, yoo sanii miti jedhan wanni isaan barreessaan hundi kijiba akka taatee kun mamii(shakkii) hin qabu. Isinis warroonni kiristaanaa warroota waa beekan jettanii, takkaa kitaabota isaan barressan dubbistani waan isaan islamummaa irratti gadi dhiisan dhugaa jettanii amantan fidaa ifaan ifatti nuun haa mari’ataii. Daa’iwwan keenyaa beekkamoon kan akka obbolessa keenya Qamar Huseen, Sadiq Muhammad, Muhammad Kadir, obbolessa keenya Arab , hunduu Nutis ummanni muslimtootaa biyya keenyaa, haqni akka baatuuf qophoodha. Dubbii si saamuu kiyyaaf dhiifama.
Arab;-lakki homaa rakkoon qabu. Waan gaarii dubbbatte jazakaAllah. Namni dhagaan Daabboo jedhee barsiisu yoo jiraatee, namni irraa fudhatus jiraate, mirga isaati, ummani Kiristaanaa karaa mara irra dhaabbatanii da’awaa isaanii oofaa jiran, heerri biyya kenyaas keeyyattota 27 fi 90 ka na lakkofsa 2 irra jiru akkuma jirutti tahee, hundaafuu mirga kennee jira, nus karaa irra dhaabbanne barsiisuu kan nu dhoorku hin jiru.
Alamaayyahu fi Buruuk waltajji gadi dhiisani deeman. Jalqabas fedhii isaaniitiin gara waltajjii waan dhufanif namni tokkollen akka isaanitti hin duubbanne. Kaasahun marii ittuma fufe. Wangeela Yohaannis 2;3 dubbisi
Kasahun;- daadhii waynii hin qabanii beektaa? jetteen.. hanga lakkofsa 12 ttu dubbise.
Arab;- Yesus dhugaatii Waynii qopheessaa ture, Yesus kan dhufeef nu barsiisuuf jettanii, Akka amma laalletti dhugaatii dadhiis akkaataa itti qopheessanis barsiise jechuudha. Waaqa osoo tahee,waan badaa(hamtu)
nama barsiisaa? Ofiifis dhugaatii daadhii dhugaa Rabbummaan (waaqummaan) isaa eessa jirti?
Waaqni hoo dhugaatii daadhii dhugaa?
Ummata;- keessaa tokko harka baasee sagalee (qoonqa) ol kaasee walmormii Dr\Zakir fi William Kambel,wal mormanirratti Kiristaanonni dhugaatii nama ajjeesus yoo dhugan, akka isaan hin miine ibsan. 1.kitaaba fakkeenya boq.31 lakk.6 dhugaati daadhii nama hiyyeessa badinsatti dhihatee dhugaatii daadhii kennaafi hiyyumaa isaas haadagatuu jedhee yoo hayyame. 2. summillee dhugaa jedhee yoo hayyame. 3. nu dhoysan malee gaanjaa(ashiishas) harkisaa kan jedhuus hin dhabamu. Waa’ee kiyyaa yoo beekuu barbaadde…
ummanni:- akka jiruun ni kolfa.
Arab;– abboo hin jeeqinaa! wanni dhufneef haqa walirraa barachuuf malee kolfaaf ykn jeequuf hin dhufne. Namoonni mariif dhuftan yoo jiraattan gara wal tajjiin bahaa. Dubbii inni dubbates itti hin kolfinaa callisaa, Amantaa keessan keessatti Cuuphamuun maalif barbaachisa?
Kaasahun;- dilii(cubbuu) irraa qulqulla’uuf.
Arab;– wangeela Maatewoos boq.3 lakk. 15 dubbisi
Kaasahun;- 15.Yesus yommuu Yohaannis Cuuphaan akka isa cuuphuuf Galilaadhaa isa bira dhufe.16. Yesus cuuphame .. . asitti Yesus wanni inni cuuphameef nu barsiisuufi.
Arab;- Yesus dura cuuphuu kan eegalee namootas cuuphaa ture,Yohaannisi, Yesusinis kan Cuuphee Yohaanis, Waaqni kee namaan cuuphamaa? Cuuphamee Rabbummaan(Waaqummaan) isaa hoo ta akkami ? Kiristaanonni tokko tokko Aayata Qur’ana boqonna 47 lakk.19 irra kan jirtu hiikkaa isaa dabsuudhaan nabi Muhummad(a.s) dilii dalagee jira,Yesus hin dalagne jechuudhaan namoota Islaamummaa irraa beekkumsa xiqqashoo qaban dogongorsiisan. Akka Nabiin Keenya(a.s) nu barsiisetti ilmi namaa hundu badii ni dalaga. Irra caalaan warroota badii dalganii warroota gara Rabbii deebi’anii tawubatanii jedhan.Yesusis ilma namaati,osoo ilma namaa tahuu baatee, silaa ilma namaa irraa dhalatee foon namaa hin qabaatu ture, kanaafuu Yesusis dilii dalage jechuudha
……itti fufa