Shape

Dhuguma Yesuus Ilma Waaqaatii?

Kaasahun;-Yesus ilma waaqaati! Malee ilma namaatii miti, Wangeela Yohaannis boqonna 3 lakkofsa 16 Waaqni              biyya lafaa kana akkaan waan jaalateef Ilma isaa tokkicha kenne jedha kanaafu Yesus Ilmawaaqaa ti!
Arab;- Isin kiristaana duras ummanni biraa, kan waaqni ilma qaba jedhan ni jiru. Qur’an suuraa Tawubaa boqonna           9 lakk. 30

٣٠  وَقَالَتِ الْيَهُودُ عُزَيْرٌ ابْنُ اللَّهِ وَقَالَتِ النَّصَارَى الْمَسِيحُ ابْنُ اللَّهِ ۖ ذَٰلِكَ قَوْلُهُمْ بِأَفْوَاهِهِمْ ۖ يُضَاهِئُونَ قَوْلَ الَّذِينَ كَفَرُوا مِنْ قَبْلُ ۚ قَاتَلَهُمُ اللَّهُ ۚ أَنَّىٰ يُؤْفَكُونَ

<<.warri yahuuda’aa kan (uzeyri) gabricha Rabbitiin ilma Rabbii je’u sun, karaa khabiirota isaanii qabatan, warri Nasaa’aaraatis kan Iisa’aan ilma Rabbiiti jedhu, karaa qeesota isaaniiti qabatan, Rabbii Gudda’aa achitti isaan Rabbi godhatanii waan khabiirroti’iifii qeesowwan isaan haraam godhaniifii,waan Rabbiin je’u didan, Iisaan Ilma Mariyamis Rabbii achitti Rabbi godhatanii,karaa Rabbirraa bayan, isaan akkatti Rabbi achitti waan
biraa gabbaran sun, towraatifii, injiil keessatti, Rabbii tokkicha malee waa ibaadutti yookaa gabbarutti hin ajajamne, duuba kanumaan wajji Yahuudaan uzeyrin ilma Rabbiiti jette,nasaaraan yookaa ormi kiristaanaas Iisaa’aan Rabbii yookaa Ilma” Rabbiiti jedhanii Rabbitti waa qindeessan, Rabbi malee haqaan gabbaramaan hin jiru.Rabbiin waan kuffaarri yahuuda’aatifii kiristaanni itti qindeessurraa qulqullu’u,inni tokkichaa lama jechaan qabu.>

Ilma jechuun akka kitaaba keessan keessatti ibsametti, Gabricha jechuu dha. Kun kan isin argitan Bible Ingliffaa kan New King James Version jedhamu. Acts 3;13 eegalee kan jiru dubbisi

Kaasahun;- The God of Abraham, Isaac and Jacob, the God of our Fathers Glorified His Servant Jesus whom you delivered up and Denied in the presence of pilate when He was determined to let Him go.

Arab;- ammas Acts 4;26 dubbisi

Kaasahun;- To you God having raised up his servant Jesus sent Him to bless you.

Arab;- keeyyatoota amma dubbiste kana keessatti Yesus (Servant) gabricha waaqaa jedhamee jira. Kitaabni biyya keenya kan afaan Amaariffan bara 1954 fi kan bara 1980 Hiikkaman. Yabilatena lij ykn Ilma (Abaabilii) jedhe barreesse, kitaabni keessan erga Jecha waaqaati jettan keeyyatootuma kanayyuu jijjiiruun maalif barbaachise? Akkuma New King James Version kaayetti Qur’aanni suuraa Mariyam boqonna 19 lakk. 30

٣٠  قَالَ إِنِّي عَبْدُ اللَّهِ آتَانِيَ الْكِتَابَ وَجَعَلَنِي نَبِيًّا

<<(Iisaan) an gabricha Rabbiiti jedheen, Rabbiin kitaaba injiil jedhamu naa kenne, Ammaallee Nabiyyii Nagodhe,>>

Qur’aanni Iissaan gabrichaa Waaqaa tahuu ragaa bahee, kitaabnikeessanis erga ragaa bahe! Yesus gabricha waaqaa  tahuu isaa amanuu maaltu isin dhoorge? subhaanaAllah! warroota waaqni Ilma qaba jettaniif,Rabbii kiyya kabajaan isaa Qulqulloofte Qur’aana suuraa Albaqaraa boqonnaa 2 lakk.116.

١١٦  وَقَالُوا اتَّخَذَ اللَّهُ وَلَدًا ۗ سُبْحَانَهُ ۖ بَلْ لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ كُلٌّ لَهُ قَانِتُونَ

<< Ormi kuffaaraa Rabbiin ilma qaba jedhan, Rabbiin ilma qabaatuu irraa qulqulluu, Rabbiin ilma hin qabu, Hundi isaaf (Rabbiif) gad jedhan, Rabbiin dachii fi samii, kan osoo wahirratti hin laallatin uume, dandeytiin isaa hangana hin jedhamtu, Rabbiin yoo argamsiisuu fedhe, waan saniin tayi , jedhaan,  wanni sun numa taati.>> Ammas suuraa Israa’ boqonnaa 17 lakk.111

١١١     وَقُلِ الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي لَمْ يَتَّخِذْ وَلَدًا وَلَمْ يَكُنْ لَهُ شَرِيكٌ فِي الْمُلْكِ وَلَمْ يَكُنْ لَهُ وَلِيٌّ مِنَ الذُّلِّ ۖ وَكَبِّرْهُ تَكْبِيرًا

<<wanni jettu Faaruun ta Rabbiiti, kan ilmoo hin qabne, kan jaartiis hin qabne, …. Suuraatul jinn boqonnaa 72 lakk. 3

٣  وَأَنَّهُ تَعَالَىٰ جَدُّ رَبِّنَا مَا اتَّخَذَ صَاحِبَةً وَلَا وَلَدًا

<<Guddinni Rabbii keenyaa ol taye, waan isaan hin malle hundarraa guddatee, Jaartii hin qabu, Ilmallee hin qabu.>>

<< Ummanni Yahuudaa Ilmi waaqaa Izra’a(uzeyri) jedhani amanu. Isin warri Kiristaanaa ammoo Izraa’a miti Yesus jettanii amantan. Muslimoota gara amantaa keessanii yaamuun dura isin warri waaqni ilma qaba jettanii Amantan, dura ofumaa walii galaa.Yoo isinuu ilmi waaqaa kam akka tahee walii galuu dhabdan. Isin hundinuu akka kijiba Rabbirratti oofaa jiratan beekaa. Kitaaba qulqulluu keessan seera Bauu boqonna 4 lakk. 22 dubbisi.

Kaasaahun;- atin dhiibbaa nurratti uumaa jirta, ofiif yeroo dubbattu sa’at’i guddoo fayyadamta, nuuf ammoo,                      sa’aa    muraasa qofa nuuf kennita, keeyyaticha hin dubbisu.

Arab;- hin sobin! hamma feete dubbachuu namni si dhoorge hin jiru, yoo atin dubbisuu baatte anatu dubbisa  Waaqayyo Israa’eel(Yaaqoob) ilma kiyya kan hangafaati jedheen. Isinis akka kitaabni keessan jedhutti ilmaan (ijoollee) waaqaa keessaniiti.

Kaasaahun;– nutin Ilmummaa waaqaa kan arganne, Ilma isaa Yesusitti Amanudhaani, Yesus dhufuudhaan dura              Ilma waaqaa kan jedhame tokkolleen hin jiru.

Arab;- keeyyanni anin amma siif dubbise kun Yesus dhalatuudhaan duratti ,yeroo kitaaba kakuu moofaa keessatti.                 Akkasumas Yesus dhufuudhaan duratti kitaaba seera keessa deebii boqonna. 14 lakk.1 Hoodhu dubbisi Kaasaahun;- hin dubbisuu siin jedhe maalif na rakkifta?

Arab;- yeroo dhibii kan Muslimoota Amantaa Islaamaa irraa beekkumsa guddaa hin qabne bobbaaf gala dhoorguudhaan Dogongorsiiftan isini, amma ammoo kitaabuma keessan dubbisuu diddan, anin dubbisi kan siin jedhuuf akka atin dogongoraan dubbise naan hin jenneefi, erga atin dubbisuu didde ammas anumatu dubbisa. Rabbiin keenyas dubbisiisaa nuun jedhe malee, Dubbisaafi nuun hin jenne.   seera keessa deebii boqonna. 14 lakk.1 Isin Ijoollee Waaqayyo Gooftaa keessanii ti,

Kaasaahun;- Isin ummata Muslimaatiif waan isinii hin galintu jira. Waaqni ilma argatee jechuun keenna,                                Haafuuraan malee, akka namaa jaartii fuudhee jaartiin qunnamtii saalaa qunnamee dhale jechuu keennaa miti.
Ibraahim;- kitaaba kee yeroo dubbisi siin jedhan, hin dubbisu jetta,  mormiif ammoo ofumarraa kaaftee dubbatta.          Nuti waan atin afaaniin haasoftu kanaa mitii ragaa feenaa . kitaaba keetiirraa ragaa nuuf kenni.

Arab;- jalqabummayyuu namaafi wanti lubbuu qabu hundi kan dhalu Fakkaataa isaati, Yesusifi Abbaan isaa wal                fakkaatan jechuu keetii?

Kaasaahun;- lakki akkasii mitii, Waaqni Haafura, Yesuus garuu Foon Ilma namaa qaba.

Arab;- nu akka Rabbiin Qur’aanaan nu barsiisetti. Suuraa Mariyam boqonna 19 lakk. 19-37 (Iissaan Yesus) Ilma     Rabbiin Abbaa malee Mariyamii kenne akka tahe nu barsiisa,

Kana Muslimni shakkii qabu hin jiru. Isin waan yesus Abbaa malee dhalateef Yesus Ilma Rabbiiti jettan. Mee waan si gaaffadhu, Waaqa kan Saamii torbaniifi Dachii Torban, waan nabsee qabuu fi hin qabne, waan dachiifi samii jidduu jiru, akkasuma Abbaa keenya Adamiin dhoqqee irraa, dubartii cinaacha Dhiiraa kan Adam irraa umuun, kan isa hin dhibin,Yesusii tokkicha Abbaa malee dubartii irraa ummuun isa dhibaa?

Kaasaahun;- cal!

Arab;- obboleesso kitaabini keessan Yesus mallattoo(mughjizaan) dhaan dhalatuu isaatu mamii(shakkii) nama naqa.
Kaasaahun;-homaa mamii (shakkii) nama hin naqu, sabaabaanis. Wangeela Luqaas boqonnaa 1 lakk.31 irraa eegalee  kunoo Ulfoofta ilma dhiraas ni deessa jedha. namni tokkolleen harkaan ishee hin qabatin ulfoofte.  Kanaafuu, mamii ykn shakkii nama hin naqu.

Arab;-keeyyata atin amma dubbiste kana anin arguu dhabeetii miti, wangeela Maatewoos boqonna. 1 lakkofsa 18 Maariyaam erga Yoosefii kaadhimamte booda ulfoofte jedha. Otuu isaaf hin kaadhimamin duraa silaa ulfooftee, maallattoon(mughjizaan) dhalate fakkaata ture. Erga isaaf kaadhimamte silaafuu jaartii isaati waantaaheef, kan ulfoofte Yoosef Irraa fakkaata. Ammas wangeela Luqaas boqonna 2 lakk.41-49 kan jiru irratti Maariyaam yaa Ilma koo(Yesus) maalif akkana nu goote? Kunoo Abbaan kee (Yoosef) anis baay’ee yaaddofnee si barbaadaa turre jetteen. Amma hoo Ilmi kan eennuu fakkaata?

Ummanni;- ilma Yoosef fakkaata!

Arab;- Alamaayyahun faan deebi’an, baay’inni ummataas haalaan dabalaa dhufe, kitaabni keessan isiniifuu hin      galle,Otuu isinii galee jiraatee, silaa Muslimootaan wajjiin wal mari’atuu hin sodaattan ture. Qur’aana suuraa Yuunuus boqon 10 lakkofsa 66.

٦٦  أَلَا إِنَّ لِلَّهِ مَنْ فِي السَّمَاوَاتِ وَمَنْ فِي الْأَرْضِ ۗ وَمَا يَتَّبِعُ الَّذِينَ يَدْعُونَ مِنْ دُونِ اللَّهِ شُرَكَاءَ ۚ إِنْ يَتَّبِعُونَ إِلَّا الظَّنَّ وَإِنْ هُمْ إِلَّا يَخْرُصُونَ

<<… Isaan ni kijiban malee dhugaan dubbatan, waan dhuga’aa, kan Rabbiif hiriyaa godhu’utti isaan kaase, hin qaban,waan kijibaa malee…>>

Ammas suuraa Mariyam boqonna 19 lakkofsa 88-93.

٨٨  وَقَالُوا اتَّخَذَ الرَّحْمَٰنُ وَلَدًا

٨٩  لَقَدْ جِئْتُمْ شَيْئًا إِدًّا

٩٠  تَكَادُ السَّمَاوَاتُ يَتَفَطَّرْنَ مِنْهُ وَتَنْشَقُّ الْأَرْضُ وَتَخِرُّ الْجِبَالُ هَدًّا

٩١  أَنْ دَعَوْا لِلرَّحْمَٰنِ وَلَدًا

٩٢  وَمَا يَنْبَغِي لِلرَّحْمَٰنِ أَنْ يَتَّخِذَ وَلَدًا

٩٣  إِنْ كُلُّ مَنْ فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ إِلَّا آتِي الرَّحْمَٰنِ عَبْدًا

<<yahuudaafi nasaaraan, akkasuma Rabbiin ilma qaba jedhan,
dhugumaan jecha hamaa badaan dhuftan, takkaayuu jettan. Hameenya waan isaan jedhan irraa samiin dhooyu’uuf dhiyaatti,dachiinis dhooyuuf dhiyaatti,Gaarrinis jijjigee lafa dhayu’uuf dhiyaata, isaanirra kukkufuuf.Sababaa isaan Rabbiin ilmoo qaba jedhaniif, Rabbiin ilma qabaatuun waan isaan hin malle, wanni samiifi dachii keessa jiru hundi, kanneen Rabbiif gad jedhan, kan gabrummaan guyyaa qiyaamaa Rabbitti dhufan malee hin taane,>>

Alamaayyahu;- akkuma dhufeen dubbii na saamee, Miykii(makarafoona) butee. Wangeela Yohaannis boqonnaa 8       lakkofsa 58-59  Kana Irratti Yihuudonni Atin waggaa shantamayyuu hin guunnee, akkamitti Abrahaamiin argite?        jedhaniin,Yesus immoo deebisee , Dhuguma Dhuguma isinitti himaa Abraham utuu hin dhalatin iyyuu ani jira            ture.  isaaniin Jedhe. Yesuus Ilma waaqaa osoo tahuu baatee Abraham dhalatuun dura silaa hin jiru Ture,                      Abrahaam dura jiraatuun isaatuu ilma waaqaa Isa gootii.

Arab;- akka kitaabni kee jedhu yoo taate, Abrahaam dhalatuun dura atis Ummamtee turte, atis Ilma waaqaati kaa?          Kitaaba Lallabaa boqonna 3 lakkofsa 14-15 dubbisi

Alamaayyahu;- Wanti Waaqayyo hojjetu hundinuu bara baraan akka jiraatu anni beeka, wanti isatti dabalamu yookiin isa irraa fuudhamu tokkolleen hin jiru, Waaqayyo namni akka isa sodaatuuf wanta akkasii kana godhe,
Wanti amma jiru isuma dur tureedha, wanti asi’achi ta’us isumadur ta’ee ture dha, Waaqayyo Isuma darbe deddebisee hojjata.

Arab;- dhalatuu keenyaan duratti Waaqa biratti dur ummamne; kanaafuu Abrahaam dhalatuun dura, atis ni jirta turte jechuudhaa; ragaan Yesus Ilma Waaqa godhuuf atin fidatte kanuma qofaa?
Alamaayyahu:- wangeela Yohaannis boqonna 8 lakkofsa 12  Yesus ammas namootatti dubbatee Ani ifaa biyya lafaa(addunyaa)” jedhe namni na duukaa deemu ifaa jireenya qaba malee dukkana keessa hin adeemu(deddebi’u) jedhe. Qur’aana keessan keessattis Suuraa Nuur boqonna 24 lakkofsa 35 irratti waaqni Ifaadha waan jedhuuf, Yesus ifaa jedhamee yaamamuun ilma Waaqaa isa gooti.

Arab;- lakki Ilma waaqaa isa hin gootu, sababaanis ifaa Addunyaa kan jedhaman heddutu jira. Kitaaba kee wangeela Maatewoos boqonna 5 lakkofsa 14 dubbisi

Alamaayahu;- isin (Hawaariyoonni) Ifaa biyya lafaa(addunyaa) tanaati Gandi tulluu irratti ijaarame isin dhokachuu hin danda’u jedheen.

Arab;- keeyyata amma dubbiste kana keessatti Yesus Hawaariyoota isaatiin ifaa Biyya lafaati jedheen. Hawaariyoonni isaatis ilmaan Waaqaati jechuu keetii?  Akkasumas Qur’aana suuraa Ahgzaab boqonna 33 lakkofsa 46.

٤٦  وَدَاعِيًا إِلَى اللَّهِ بِإِذْنِهِ وَسِرَاجًا مُنِيرًا

<<(yaa Muhammad)kan karaa Rabbitti iznii Rabbiitiin Nama yaamtu,
Ifaa qajeello’oo si goone, ati akka adu’uutti muldhatta, namni siin hin mormu ati ifa’aa, …. >>

akka atin jettu kenaan, Muhammad (a.s.w) ilma Waaqaati jechuu keeti kaa? akkasuma Suuraa Anbiya’aa boqonna 21 lakk. 48

٤٨  وَلَقَدْ آتَيْنَا مُوسَىٰ وَهَارُونَ الْفُرْقَانَ وَضِيَاءً وَذِكْرًا لِلْمُتَّقِينَ

<<kitaaba Towraat, kan haqaafi baaxila, haraamiifi halaal, adda baasu, kan ifaa dukkana wallaalatiifi ifaa dukkana kufri’ii taye, kan gorsa warra Rabbi sodaatuu taye ….>>  Qur’aana Rabbii keessatti Anbiyoota(Nabiyoota) isaatiifii kitaabonni isaa biraa bu’an hundinuu Ifaa jedhamanii waammamanii, jiru, kanaafuu
isaanis Ilmaanuma Waaqaati jechuu keessani kaa? Qur’aana suuraa An’aam boqonna 6 lakkofsa 104

١٠٤  قَدْ جَاءَكُمْ بَصَائِرُ مِنْ رَبِّكُمْ ۖ فَمَنْ أَبْصَرَ فَلِنَفْسِهِ ۖ وَمَنْ عَمِيَ فَعَلَيْهَا ۚ وَمَا أَنَا عَلَيْكُمْ بِحَفِيظٍ

<<yaa ergamaa kiyya Muhammad, ummata keetiin akka jettu, wanni karaa haqaa isin agarsiisuf (ifaan) Rabbii keessanirraa isinii dhufte,
….. >> Atin yesus ilma Waaqaa gochuuf Ifaa jedhamee waammamuun isaa ni gaha jettee jirtaa, isaawwan biroo kan ifaa jedhamanii waammaman hoo maal godhuu hedda ?

Alamaayyahu;- …. itti fufa

 

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*