Shape

Dhuguma Yesuus Jaartii Qabaa?

Arab;- Iissaan (a.s) Fuudhus fuudhuu baatus nuti Muslimoota nun dinqisiisu Sabaabanis <<Suuraa Al Rakgdii boqonna 13 lakko 38

<> Fuudhuufi ilmas argachuun, sunnaa(karaa) Anbiyoota Rabbiiti, san jechuun kiyya ammoo Iissan (a.s) fuudhe jechuu kiyyaa miti,Garuu fuudhus nun dinqisiisu jechaan jira.

Alamayyahu;-Iyyasuus dilii(cubbuu) irraa qulqulluudha, akkamitti jaartii fuudha ?

Wanni inni dhufeef karaa waaqaa nu barsiisuuf malee dilii(cubbuu) dalguuf hin dhufne. Kitaaba qulqulluu keenya keessattis bakka takkattillee Yesuus dilii dalage kan jedhu hin jiru, wanti Arab dubbachaa jiru kun dogongora sirrii miti.
Arab;- Dilii(cubbuu) hin dalagne kan jedhu hoo ni jiraa?

Alamaayyahu;- hin dalagne siin jedhee hin dalagne, waan nyaatee dhugeef tasa kana akka dilitti yoo laalte hin beeku.

Arab;- atin Jaartii fuudhuus akka dilii(cubbu)tti laalaa jirta. Akka Amantaa kiristaanaatti ,Yesuus nama tahee nama barsiisuuf gara addunyaa dhufe, barumsi jedhu Dameelee amantaa kiristaanaa hunda irraa kennama.
Kanaafuu ilmi nama ni nyaata, ni dhuga, ni rafa ni dhalata, akkasumas Jaartii fuudha. Yesuus erga nama tahee amala ilma namaa hunda qabaate, fuudhuun isaa maal si dinqisiisa?

Aamayyahu;- cal!

Arab;- za Davinchi kood Dan Brown qopheesse kan afaan Amaariffaatti hiikkame. Fuula 170 sarara 1ffaa haala adda taheen isiin Yesuus kiristoositti heerumuu….
Fuula 173 sara 2ffaa kanarratti dabalata. Akka kitaaba qulqulluu keessaatti dhihaatetti, Yesuus hin fuune jechuu irra, fuudhe jechuu irra qiyaasa. Sarara 7ffaa Hawaasni yeroo san baratame Jaartii fuudhuu dhabuu
irraa isa dhoorga. Sarara 10ffaa yesuus osoo Jaarsii fuudhuu baatee, warroota wangeelota kitaaba qulqulluu keessaa tokko silaa hin fuune jedhee akka inni jartii hin fuudhin ibsa xiqqasho kenna ture.
Alamayyahu;- haga kitaaba seenatirraa dubbistu kitaaba qulqulluu keenna keessa raguma tokkollee taatu maalif                     hin finne?
Arab;- kitaaba qulqulluu keessan keessattis, haadha Yesuus Maariyaam jalaa tan yeroo hunda hin hafne takkatu ture, maqaan isiis maariyaam jedhama. Takka haadha isaa yoo taate ta lammaffaa ta haadha isaa jalaa hin hafne tun maal isaa turte? Wangeela Maatewoo, boqonna 28 lakkofsa 1 irraa kaasii atummaan dubbisi

Alamayyahu;- asirratti jaartii isaati kan jedhu meetu ree?

Arab;– takka haadha isaa yoo taate, ta lammaffaa maal isaati siin jedhe Malee, jaartii isaati siin hin jenne. Alamaayyahu;- maal isaa akka taate hin beeku, namni fedhe jaarti isaati jedhullee, anin Jaarti isaati hin jedhu. Arab;- wangeela Yohaannis boqonnaa 20 lakkofsa 15 eegalii dubbisi

Alamaayyahu;- kana jettee yeroo ofirra gara galtu Yesuus isaa dhaabbatu garte, Yesuus tahuu garuu hin beekne, yesuusis si Intalaa Dubaree maalif bootta? eennu barbaadda jedheen

  • Arab;- 1.dhugumaan Iyyasuus asitti, si Intalaa dubaree” Jedhee Haadha isaa yaamee?
  • 2.Maryaamiin inni asitti Intalaa dubaree jedhee yaame tun, maal isaati?
  • 3.Yesuus wanni inni dhufeef kabajaas dabalatee waan gaari barsiisu dhufe jettan, Yoo inni haadha isa dhalte si Intalaa dubaree jedhee yaame, barumsummaan isaatu barumsa akkam? Moo intalti sun haadha isaatii miti? Haadha isaa yoo hin tahin hoo maal isaati ree?

Alamaayyahu;- dhalaa biraa taati malee, haadha isa dhalte intalaa jedhee hiyyaamu.

Arab;-duuba ummata hagas gayu keessaa ta Awwaala(qabrii) isaa laalu dhaqxu, maal isaati?

Alamaayyahu;- si.si.sin dhagayu (sirraa hin fudhadhu)! Muslimoonni;- Allahu Akbar! Hiriyoota Alamaayyahu;- keessaa tokko anin maqaan koo Buruuk Jedhama, ijoolle Adamaati, Yesuus bakka tanatti Si Intalaa dubaree jedhe, kan yaamaa ture, haadha isaatiini, sabaabaniis Yahuudonni Haadha isaanii Intalaa dubaree jedhanii Yaaman!

Arab;- ragaan kee maali? Yesuus haadha isa dhalte Intalaa dubaree jedhee yoo ka yaamu taatee,kun kabajaa haadhaa buusuu(xiqqeysuu) hin tahuu ?

Hunduu;- cal! Ummata;- keessaa tokko harka baasee, anin maqaa koo himuu hin Barbaadu, garuu kiristaana, ajajoota kurnan Amantaa keenyaa keessaa isiin lammaffaa Haadhafi Abbaa kee kabaji kan jettu dha.
Yesuus dhiisii anuu haadha tiyya ta na dhalteen si intalaa(dubaree) Hin jedhu,Amantaan keenya kabaja haadhafii Abbaas barsiisa,kanaafuu wanni Buruuk Jedhe dongora guddaa akka tahe natti muldhata, yoo danda’an Raga fidachuu, saniin ala akka isaan Amantaa kiristaanaa irratti Qaawa (dogongora) fidan hin hayyamu!

Arab;-hayye bareeda! Mariidhaaf ragaa gahaa qabna jedhanii gara wal tajjii kan dhihaatan fedhii isaaniitiin, erga fedhiin isaanii baratuu tahee ammoo, anin fedhii isaanii isaan dhorguu hin danda’u. kaayoon Muslimtootaa haqa ummataaf ibsuu waan taheef , atis amataan Islaamaa sirrii miti yoo kan jettu taate gara waltajjii dhihaadhu.
Ummata;- keessaa kan harka baase, lakki anin moromuu hin fedhu.
Arab;- namni tokko mana affeerraa(cidha) irra kan naannawu maal isaa
wajjiini? Ibrahim;-namni tokko yeroo hunda dhiiraan waliin mana affeerraa cidhaa Irra yoo Kan naannawu ta’e,dhiirri inni waliin naannawu sun hiriyaa isaa ta’a,yoo ammoo dhalaa waliin yeroo hunda mana cidhaa irra kan naannawu yoo ta’e dhalaan inni waliin mana cidhaatirra naannawu tun Qaadhimaa(jaartii) isaa taati! Kunin yaada(qiyaasa) kiyya.

Arab;- Qiyaasni kiyyas kanuma
Alamaayyahu faan;- nutin kana sirraa hin fudhannu!

Ummanni;- Afaan tokkoon(wal bira) nutin ni fudhanna!

Arab;- ammas Yesuus wangeela Yohaannis boqonna 2 lakkofsa 4 irratti haadhaan Intalaa(dubatee) jedhee yaamee ture! Bakka cidhaatitti ummata hagas gayu keessatti Intalaa jedhee haadha isaa yaamuun haadha isa dhalte arrabsuu malee kunin kabajaa miti, gara kitaaba Dan Brown yoo deebine fuula 173 sarara 26ffaa niitiin Yesuus Maariyaamii
Ishee Magdalaati. Yesuus isii tana hordoftoota(Hawaariyoota) isaatirra  jaalata, yeroo tokko tokko afaan keessas dhungata, hawaariyoonni isaatis gocha inni godhu kana hinaafaas(ceemphaas) turan.

  • Filima Holly Wood keessatti dalgame kan Za Davinchi Kood jedhamu tokkotu jira, Filimni
    sun akka Iyyasuus Qaadhimaa ykn Jaartii fuudhe agarsiisa. Filima san seenaa dhugaa irratti irkatanii baasan, osoo seenaan sun soba tahee, silaa Ummanni christaanaa iyyanni filima san addunyaa irraa balleessan ture, Filimni sun akka Iyyasuus Jaartii qabu agarsiisa. Dubartiin wahiitis achirratti jaartii ykn Qaadhima Yesuus taatee dalgadi, yeroo sanitti umriin isii ijoollee dardada ture. Osoo warronni filima san baasan muslimtoota tahanii,silaa Muslimootatu nu arrabse jettanii Iyyitan, Filimas ummatuma keessan kan kiristaanatu dalage. Wama beektantu jiraaf malee, silaa hin calliftan ture,
  • fuula 176 sarara 10 kana hunda irra
    kan sodaatan Maariyaamiin Magdalaa isa Yesuus kan dhiiga sanyii Nugusoota kan qabutti heerumuudha.
  • Sarara 29 Yesuus Kiristoos Jaartii Fuudhuu birallee dabree Ilmas dhalee ture jedha. Nuti Iissaan(a.s) jaartiis fuudhee Ilmas yoo dhale nun dinqisiisu, sabaabanis jaartii Fuudhuufi Ilamaanis horuun sunnaa (karaa) Anbiyoota Rabbii
    waan taheef Qur’aana suuraa Ra’ad boqonna13 lakkofs 38 Rabbiin nutti
    himee jira.
    Obboleeyyan kiyya kan Muslimaa! Isin hunduu na caqasaa, anin Iissan Jaartii fuudhe jechaa hin jiru, yoo fuudhees nun dinqisiisu jechaan jira. Akka Qur’aanni jedhutti Qur’aana Boqonna 19 lakk. 32 <<(Iisaan) Nama haadha tiyyaa toluu (kabaju) na godhee jira,Nama Uftuulu yookaa uf guddisu nan goone, Nama badaa Roorrisaa nan goone>> Duuba gara filannoo keetii haa deebi’uutii, dogongorri Muslimtootaa maali?
  • Hundinuu;- cal

Dhuguma Yesuus dilii(cubbuu) hin dalaginii? … itti fufa

 

 

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*