LUBBUU AJJEESUU FI BALLEESSUU EENYUTUU AJAJA?
{Qur’an Vs Bible}
Maqaa Rabbii akkaan Mararfataa akkaan Raahmata Godhaa ta’eetiin.
Hordoftoonni Amantii Kiristiyaanaa Yeroo baay’ee Amantiin islaamaa kan babal’atte Lubbuu namaa Ajjeesuu fi Ballleessuun Babal’ate, Akkasuma Qur’aanni Kabajamaan Lubbuu Ajjeesutti Ajaja Jedhanii Wanta Bu’uuraa Fi Ragaa hin qabne Odeessaa Oolu. Haa ta’uu malee garuu Jecha isaanii kanaaf Ragaa dhiheeffachuu hin dandeenye hin danda’aniis. Nutis gama keenyaan Dhugumatti Amantiin fi Kitaabni Lubbuu Ajjeesuu fii Balleessutti Ajaju Isa kami? Gaafi jedhu Bu’uura Godhachuudhaan Qor’anoo taasifneen Qabxiiwwan Armaan gadii kanneen kitaaboota Amantii lamaanii irraa dhiheessuudhaan Isiniif dhiheessuuf yaalleerra. Madaallii fii Deebii isaas Sammuma keessaniif dhiifneerra.
Qabxii Tokkoffaa:-
Amantiin Islaamaa Waa’ee Ajeechaa fi Mirga Amantiitiin Wal qabatee Maal Barsiisa Qabxii Jedhu Haa Ilaallu:-
.
Qur’aanni dhugaa jiru haala Armaan Gadii kanaan Lafa Kaa’a:-
.
• Akka Ilaalcha Amantii Islaamaatti Amantitti Nama Dirqisiisuun Hin Jiru, Namani Tokko Waan Fedhetti Amanuu fii Amantii Fedhe hordofuu mirga guutuu qaba. Gooftaan keenya kan Uumaa waan hundaa ta’e dhimma kana Qur’aana Jecha isaa ta’e kabajamaa keessatti Akkana jedha:-
.
«Amantii keessa dirqisiisuun hin jiru. Dhugumatti, qajeelumni jallina irraa ifa ta’eera. Namni xaaghuutatti kafaree, Rabbitti amane, dhugumatti haada jabaa hin cinne qabateera. Fabbiin dhagayaa beekaa dha.»(Al Baqaraah 2:256)
.
«Jedhis: “Dhugaan Gooftaa keessan irraayi. Namni fedhe haa amanu; namni fedhes haa kafaru.»(Al Kahfi 18:29)
.
•Gooftaan keenya Allaah Keewwata Qur’aanaa Biroo keessatti Namni Lubbuu Nagayaa takka Ajjeesuun Cubbuu Guddoo Akka taate nuuf Hima. Akkana jedha:-
.
«Namni Lubbuu takko lubbuu biraatiin yookiin dachii keessa balleessuun alatti ajjeese, akka waan nama hunda ajjeeseti; namni ishee jiraachises akka waan nama hunda jiraachiseeti.»(Al-Maa’idaah 5:32)
.
«Lubbuu Rabbiin (ajjeesuu) haraama godhe haqaan ala hin ajjeesinaa.»(Israa’i 17:33 & Al An’aam 6:151)
.
☞Kan Qur’aana Kabajamaa Erga hangana ilaallee, mee amma immoo gara macaafa Qulqulluu Warra firoota keenya Kiristiyaanootaatti Achi Dabarree Haa Ilaalla.
……………………………………………
Macaafni Qulqulluun Lubbuu Ajjeesuu fii Balleessuu Ilaalchisee Maal Barsiisa Laata? Hanga Xumuraatti Obsaa fii Tasgabbiin Dubbisaa:-
1• «”Namni nama rukutee ajjeesu, innis immoo haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 21:12)
2• «Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa rukutu haa #ajjeefamu!»(Seera Ba’uu 21:15)
3• «Namni nama hatee yoo gurgure yookiis inni hatame isa harkatti yoo argame haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 21:16)
4• «Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa abaaru haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 21:17)
5• «Qotiyyichi duraan iyyuu amala nama waraanuu qabaachuun isaa beekamee, abbaan isaas akka isa eeggatu gorfamee, garuu isa eeggachuu dhiisee dhiira yookiis dubartii yoo ajjeese, qotiyyichi dhagaadhaan rukutamee haa du’u! Abbaan qotiyyichaas immoo haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 21:29)
6• “Kan Beneeldaa wajjiin Walqunnamtii saalaa raawwatu Haa #Ajjeefamu.”(Seera Ba’uu 22:19)
7• «Guyyaa Sanbataa eegi inni siif qulqullaa’aa dha; namni qulqullinatti isa hin eegne haa ajjeefamu! Namni guyyaa sanatti hojii hojjete hundinuu saba isaa keessaa haa #balleeffamu !»(Seera Ba’uu 31:14)
8• «Guyyoonni ja’a guyyoota hojiin itti hojjetamuu dha, guyyaa inni torbaffaan garuu guyyaa aara-galfannaa ti, guyyaan kun ana Waaqayyoof kan qulqullaa’ee dha; namni guyyaa Sanbataatti hojii hojjete hundinuu haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 31:15)
9• «guyyoonni ja’a, guyyoota hojiin itti hojjetamuu dha, inni torbaffaan garuu Sanbata qulqullaa’aa guyyaa Waaqayyoof itti boqottan isiniif haa ta’u! Namni guyyaa sanatti hojii hojjete hundinuu haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 35:2)
10• «”Ati namoota Israa’eliin, ‘Waaqayyo akkana jedha:- Namoota Israa’el keessaa, galaa biyya Israa’el keessa jiraatu keessaas namni tokko illee dhala isaa keessaa tokko Moleekiif aarsaa yoo dhi’eesse, mama malee haa #ajjeefamu ! Namoonni biyya sanaa dhagaadhaan isa haa rukutan!»(Seera Lewwootaa 20:2)
11• «Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa abaaru mama malee haa #ajjeefamu! Inni abbaa isaa yookiis haadha isaa waan abaareef, dhiigni isaa mataadhuma isaa irraa haa barbaadamu!»(Seera Lewwootaa 20:9)
12• «”Namni tokko akka nama dubartii bira ga’utti horii bira yoo ga’e, mama malee haa #ajjeefamu! Horii sanas isin ajjeesaa!»(Seera Lewwootaa 20:15)
«Akka dubartii dhiira bira geessutti dubartiin tokko horii bira ga’uudhaaf yoo itti dhi’aatte dubartittii, horii sanas isin ajjeesaa! Isaan mama malee haa ajjeefaman! Dhiigni isaaniis mataa isaanii irraa haa barbaadamu!»(Seera lewwootaa 20:16)
13• «Namni maqaa ana Waaqayyo arrabsuudhaan salphisu haa ajjeefamu! Guutummaan waldaa sanaa dhagaadhaan isa haa rukutu! Namni galaanis akkuma nama biyyaatti yeroo maqaa gooftaa arrabsuudhaan salphisu dhugumaan haa #ajjeefamu!»(Seera Lewwootaa 24:16)
14• «Namni nama ajjeesu innis dhugumaan haa #ajjeefamu!»(Seera Lewwootaa 24:17)
15•
«Namni horii yoo ajjeese iddoo isaa haa buusu! Namni nama ajjeese garuu haa #ajjeefamu!’ jedhi!»(Seera Lewwootaa 24:21)
16•«Yeroo adeemuuf ka’an, warri Lewwoonni dunkaanicha haa buqqisan! Yommuu buufachuuf jedhanis isaanumti haa dhaaban! Isaan irraa kan hafe namni kan biraa dunkaanichatti yoo dhi’aate haa ajjeefamu!»(Seera Lakkoobsaa 1:51)
17• «Aaronii fi ilmaan isaa luboota ta’anii akka hojjetaniif ati hojii irra isaan dhaabi! Namni kan biraa iddoo qulqullaa’aatti yoo dhi’aate garuu haa ajjeefamu!” jedhe.»(Seera Lakkoobsaa 3:10)
18• «Museenii fi Aaron, ilmaan Aaronis godoo sana gara boruutiin dunkaana itti wal ga’an dura qixa ba’a-biiftuutiin haa buufatan! Isaan ofii isaaniitiif, Israa’elootaafis iddoo qulqullaa’aa eeguutti in gaafatamu; isaan irraa kan hafe namni kan biraa yoo itti dhi’aate haa ajjeefamu!»(Seera lakkoobsaa 3:38)
19• «Waaqayyo yommus Museedhaan, “Namichi haa du’u! Guutummaan waldaa iddoo buufataa duubatti dhagaadhaan isa haa rukutu!” jedhe.»(Seera Lakkoobsaa 15:35)
20• «Garuu atii fi ilmaan kee lubummaa keessan eegaatii hojii isa iddoo aarsaatti, golgaa keessattis hojjetamu hundumaa kophaa keessan hojjedhaa! Ani hojii lubummaa kennaa ittiin hojjettan godhee isiniif kenneera; ormi tokko illee iddoo qulqullaa’aa sanatti yoo dhi’aateef haa ajjeefamu!” jedhe.»(Seera Lakkoobsaa 18:7)
21• «” ‘Namni mi’a sibiila irraa hojjetameen yoo nama rukute, inni rukutame sunis yoo du’e, inni rukute sun nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun haa ajjeefamu!»(Seera Lakkoobsaa 35:16)
22• «Namni dhagaa of harkaa qabu tokkoon nama rukutee yoo ajjeese inni nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun haa ajjeefamu!»(Seera Lakkoobsaa 35:17)
23• «Namni ulee mukaa of harkaa qabu tokkoon nama rukutee yoo ajjeese inni nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun haa ajjeefamu!»(Seera Lakkoobsaa 35:18)
24• «yookiis abootuudhaan yoo rukute, inni rukutame sunis yoo du’e, namichi rukutee ajjeese sun haa ajjeefamu! Inni nama gumaa waan ta’eef, inni gumaa baafachuudhaaf barbaadu sun namicha yoo argate haa ajjeesu!»(Seera Lakkoobsaa 35:21)
25• «Namni du’i itti faradame haa ajjeefamu malee, isa oolchuudhaaf gumaa irraa hin fudhatinaa!»(Seera Lakkoobsaa 35:31)
26• «Raajiin yookiis namichi abjuu abju’atu sun immoo Waaqayyo gooftaa keessan isa biyya Gibxii isin baase, mana garbummaa keessaas isin fure irratti akka kaatan, karaa akka isin irra adeemtaniif Waaqayyo gooftaan keessan isin abboome irraas akka jal’attan waan godheef haa ajjeefamu! Akkasitti hamaa of gidduudhaa balleessaa!»(Seera Keessa Deebii 13:5)
27• «dhiira yookiis dubartii nama wanta hamaa kana hojjete, gara karra mandarichaatti geessiitii dhagaadhaan rukutii ajjeesi!»(Seera Keessa Deebii 17:5)
28• «Raajiin utuu ani dubbachuudhaaf isa hin abboomin dubbii tokko maqaa kootiin waan dubbatu kan fakkeessu yookiis maqaa waaqayyolii warra kaaniitiin kan dubbatu haa ajjeefamu!” jedhe.»(Seera Keessa deebii 18:20)
29• «Namni tokko bakkee keessatti durba kaadhimatamte tokko argee, qabee ishee wajjin yoo ciise garuu, namichi inni ishee wajjin ciise sun duwwaan haa ajjeefamu!»(Seera Keessa Deebii 22:25)
30• «Namni adduma addaan cubbuu ofii isaatiif haa ajjeefamu»(Seera keessa deebii 24:16)
31• «namni abboommii keetiin mormu, namni dubbii kees hin dhageenye hundinuu haa ajjeefamu! Ati garuu cimi, ija jabaadhu!” jedhan.»(Macaafa Iyyaasuu 1:18)
32• «Tokkon tokkon keessan mi’a lolaa keessan fudhattanii naannoo mootichaa in dhaabattu; namni tarree isin dhaabattan kana gidduu lixu immoo haa ajjeefamu! Gara mootichi itti adeemu hundumaatti isa biraa hin dhabaminaa!” jedhee isaan in abboome.»(Macaafa Moototaa Isa lammaffaa 11:8)
33• << Isaan keessaa xinnaan yookiis guddaan, dhiirri yookiis dubartiin namni Waaqayyo gooftaa isa kan Israa’el hin waaqeffanne akka ajjeefamu in godhan»(Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 15:13)
34• «Warri Lewwootaa mi’a waraana isaanii harkatti qabatanii iddoo mootichi dhaqu hundumaatti naanna’anii isa haa eegan! Namni yeroo kana manichatti ol lixuu yaalu haa ajjeefamu! jedhe.»(Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 23:7)
35• «Iddoo koo isa qulqullaa’aatti jalqabaatii, jaarsa, dubartii, dargaggeessa, durba, ijoollee xixinnoo, ajjeesaa! Haa ta’u iyyuu malee, warra milikkita of irraa qaban keessaa nama tokkotti illee hin dhi’aatinaa!” jedhe; isaanis jaarsolii mana qulqullummaa dura turanitti in jalqaban.»(Macaafa Hisq’el Raajichaa 9:6)
36• «”Dubartoota warra Ibrootaa yommuu deessiftan, akkuma mucaan dhalateen dhiira ta’ee fi durba taatee ishee ilaalaa! Dhiira yoo ta’e ajjeesaa! Durba yoo taate garuu jireenyatti hambisaa!” jedhe.»(Seera Ba’uu 1:16)
37• «Museen kana irratti abboota firdii warra Israa’eliin, “Isin tokkon tokkon keessan nama keessan keessaa Ba’aal isa Phe’or nama waaqeffatu ajjeesaa!” jedhe.»(Seera Lakkoobsaa 25:5)
38• «”Warra Miidiyaan kana rakkisaa, isaan rukutaas! Isaan haxxummaa isaanii isa waa’ee Phe’oriif, waa’ee Kozbii intala bulchaa biyyaa warra Miidiyaan obboleettii isaanii, ishee guyyaa dha’icha sababii Phe’oriif dhufe sanaatti ajjeefamte sanaan isin gowwoomsanii isin rakkisaniiru” jedhe.»(Seera Lakkoobsaa 25:17-18)
39• «Amma ijoollee keessaa dhiira kan ta’e ajjeesaa! Dubartoota warra dhiiraa wajjin ciisanii beekan hundumaas #ajjeesaa!»(Seera Lakkoobsaa 31:17)
40• «Isin garuu achi hin dhaabatinaa, diinota keessan ari’aatii karaa dugda duubaa isaan rukutaa! Waaqayyo gooftaan keessan harka keessan keessa waan isaan buuseef, mandaroota isaaniitti akka isaan galan hin godhinaa!” jedhe.»(Macaafa Iyyaasuu 10:19)
41• «Kanaaf waldichi namoota isaa warra jajjaboo keessaa kuma kudha lama itti ergee, Gara Yaabesh-Giil’aad dhaqaatii arra achi jiraatan dubartootaa fi ijoollota iyyuu utuu hin dhiisin billaadhaan rukutaa!»(Macaafa Abboota Firdii 21:10)
42• «Mootichi itti fufee, eegdota isa bira ijaajjaniin, “Luboonni Waaqayyoo kun Daawit bira waan goraniif, baqachuu isaas utuu beekanii anatti himuu waan didaniif, gara itti galaatii isaan fixaa!” jedhe; hojjetoonni mootichaa garuu luboota Waaqayyoo irratti harka ol fudhachuu, isaan rukutuus hin barbaanne.»(Macaafa Saamu’e isa duraa 22:17)
43• «Abiishaalom yommus namoota isaa waamee, “Dhaga’aa, Amnoon daadhii waynii dhugee garaan isaa yommuu ciisu, ani immoo, ‘Rukutaa isa ajjeesaa!’ isiniin nan jedha; kana anatu isin abboome waan ta’eef, isin isa #ajjeesaa malee, hin sodaatinaa! Jabaadhaa, jagnootas ta’aa!” jedhee isaan in abboome.»(Macaafa saamu’el isa lammaffaa 13:28)
44• «Qalma gubamu dhi’eessee yeroo raawwatetti eegdotaa fi ajajjuuwwan duulaatiin, “Ol lixaatii isaan fixaa! Namni tokko illee akka ba’u hin godhinaa!” jedhe; yommus isaan billaadhaan jara fixanii reeffa isaanii bakkeetti erga gad daddarbatanii booddee kutaa galma Ba’aal isa gara keessaatti ol darbanii,…»(Macaafa Moototaa Isa lammaffaa 10:25)
45• «Ammas utuman dhaga’uu warra kaaniin immoo, “Isa booddeedhaan mandarattii keessa adeemaatii garaan keessan utuu isaaniif hin oo’in utuu hin hiliniifis rukutaa! Iddoo koo isa qulqullaa’aatti jalqabaatii, jaarsa, dubartii, dargaggeessa, durba, ijoollee xixinnoo, #ajjeesaa! Haa ta’u iyyuu malee, warra milikkita of irraa qaban keessaa nama tokkotti illee hin dhi’aatinaa!” jedhe; isaanis jaarsolii mana qulqullummaa dura turanitti in jalqaban.»(Macaafa Hisq’el Raajichaa 9:5-6)
46• «Yesuus Immoo, “Biyya Lafaa Irratti nagaa fiduudhaaf Waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani #billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne. Ani nama tokko abbaa isaa wajjiin, intala haadha ishee wajjin, haadha manaa ilma amaatii ishee wajjiin walitti naquuf dhufeera.»jedha (matewos 10:34-45)
47• «Amma garuu diinota koo warra isaan irratti
mo’uu koo hin barbaanne kana, as fidaa ija koo
duratti isaan #gorra ‘aa!’ jedhee abboome.” jedhe.»(Luqaasi 19:27)
48• «Inni immoo deebisee, “Amma garuu, horii, qalqalloos kan qabu haa fudhatu; namni waa hin qabne immoo wayyaa isaa gurguree #billaa haa bitatu!»(Luqaas 22:36)
49• «Intalli luba tokkoo gaalamootummaadhaan yoo of xureessite, maqaa abbaa isheetii xureessuu ishee ti; isheen ibiddaan haa #gubamtu!»(Seera Leewwootaa 21:9)
50• «Namni tokko dubartii tokko, haadha ishees yoo fuudhe kun wanta jal’aa dha; jal’inni tokko illee isin gidduutti akka hin argamnettis inni, dubartoonni lamaanuus ibiddaan haa #gubaman!»(Seera Leewwootaa 20:14)
51•«Akka ji’a sadii booddee, “Taamaar haati manaa ilma keetii ejjiteetti, amma kunoo isheen ejjummaadhaan ulfoofteetti” jedhanii Yihudaatti himan; Yihudaan deebisee, “Gad ishee baasaa, haa #gubamtu!” jedhe.»(Seera U umaa 38:24)
52• «Namni wanti raawwatee balleeffamuun irra jiru sun biraa argame, sababii kakuu koo cabsee, wanta yeellaasisaa kana Israa’el keessatti hojjeteef, inni, wanti inni qabu hundinuus #ibiddaan haa #gubamu!” jedhe.»(Macaafa Iyyaasuu 7:15)
53• «Iyaasuun achitti Aakaaniin, “Ati maaliif rakkina kana nutti fidde? Waaqayyo har’a rakkina sitti in fida” jedhe; yommus guutummaan Israa’elis isa, warra kaanis dhagaadhaan rukutanii ibiddaan in #guban.»(Macaafa Iyyaasuu 7:25)
54• «Waaqayyo, “Isin guyyaa torba maxinoo in nyaattu; guyyaa isa duraatii jalqabee hamma guyyaa isa torbaffaatti, namni wanta raacitii qabu nyaate, Israa’el keessaa waan #balleeffamuuf, guyyaa duraatti raacitiin mana keessan keessatti akka hin argamne in gootu.»(Seera Ba’uu 12:15)
55• «Namni tokko illee wanta raacitii qabu yoo nyaate, galaa yoo ta’es, dhaloota biyyaa yoo ta’es, namni sun waldaa Israa’el keessaa waan #balleeffamuuf, raacitiin tokko illee guyyoota torban sanaaf manneen keessan keessatti hin argamin!»(Seera Ba’uu 12:19)
56• “Kan Waaqayyoo Ala wanta birootiif aarsaa dhiheessu Haa #balleeffamu. “(ኦሪት ዘጸአት 22:20)
57• «Guyyaa Sanbataa eegi inni siif qulqullaa’aa dha; namni qulqullinatti isa hin eegne haa ajjeefamu! Namni guyyaa sanatti hojii hojjete hundinuu saba isaa keessaa haa #balleeffamu!»(Seera Ba’uu 31:14)
58• «Namni akka seeraatti utuu qullaa’aa hin ta’in xuraa’ummaa isaa baatee foon aarsaa qalma araaraa ana Waaqayyoof dhi’aatu irraa nyaatu garuu, saba isaa keessaa baafamee haa #balleeffamu!»(Seera Leewwootaa 7:20)
59• «Namni xuraa’ummaa namaa yookiis kan horii qe’ee, kan munyuuqaa, waanuma xuraa’aa ta’e keessaa tokkumatti iyyuu bu’ee, foon aarsaa qalma araaraa ana Waaqayyoof dhi’aatu irraa nyaatu hundinuu saba isaa keessaa baafamee haa #balleeffamu!” jedhe.»(Seera Leewwootaa 7:21)
60•«Dhiiga kan ta’e hundumaa namni nyaatu saba isaa keessaa baafamee haa #balleeffamu!’ jedhii himi!” jedhe.»(Seera Leewwootaa 7:27)
61• «fuula godoo isa kan Waaqayyoo duratti aarsaa godhee Waaqayyoof dhi’eessuudhaaf, gara balbala dunkaana walga’iitti utuu hin fidin yoo hafe, yakki dhiigaa isatti haa lakkaa’amu! Inni dhiiga dhangalaaseera, kanaafis namni sun saba isaa gidduudhaa haa #balleeffamu!»(Seera Leewwootaa 17:4)
62• «qalma yookiis aarsaa Waaqayyoof dhi’eessuudhaaf gara balbala dunkaana walga’iitti utuu hin fidin yoo hafe, namichi sun saba isaa keessaa haa #balleeffamu!»(Seera Leewwootaa 17:9)
63• «Lubbuun uumama foon uffatee hundinuu dhiiga isaa waan ta’eefan Israa’elootaan, ‘Lubbuun uumama hundumaa dhiiga isaa ti waan ta’eef isin dhiiga horii tokko illee hin nyaatinaa! Namni isa nyaatu hundinuu haa #balleeffamu!»(Seera Leewwootaa 17:14)
64•«Namni isa nyaate wanta ana Waaqayyoof qulqullaa’e waan xureesseef, yakka isaatti in gaafatama; namni sun saba isaa gidduudhaa haa #balleeffamu!»(Seera Leewwootaa 19:8)
65. «Ati isaaniin, Waaqayyo akkana jedha, ‘Ani Waaqayyoo dha; dhalootaa hamma dhalootaatti, guutummaa sanyii keessanii keessaa namni tokko seeraan utuu hin qullaa’in wanta qulqullaa’aa namoonni Israa’el ana Waaqayyoof addaan baasanitti yoo dhi’aate, namni sun fuula koo duraa haa balleeffamu! Xuraa’ummaan isaas mataa isaatti haa deebi’u!»(Seera Leewwootaa 22:3)
66• «Namni gaafas soomuudhaan gad of hin deebifne garuu saba isaa keessaa haa #balleeffamu!»(Seera Leewwootaa 23:29)
67• «Inni dubbii koo waan tuffateef, abboommii koos waan cabseef, kan akkasii raawwatee haa #balleeffamu, yakki isaas isuma irratti haa hafu!’ jedhi!” jedhe.»(Seera Lakkoobsaa 15:31)
68• «Yeroo sana Iyaasuun, “Namni mandara Yerikoo kana deebisee ijaaruudhaaf ka’u, Waaqayyo duratti abaaramaa haa ta’u! Ilma isaa isa angafaan hundee isaa haa kaa’u, ilma isaa isa quxisuudhaan immoo karra isaa haa dhaabu!” jedhee kakaadhaan jara in qoqqobate.»(Macaafa Iyyaasuu 6:26)
69• «Obboleessi kee haadhoon kee, ilmi kee, intalli kee, haati manaa kee jaallalleen kee yookiis firri kee inni ati akka lubbuu keetti jaallattu, “Kottuu dhaqnee waaqayyolii kan biraatiif hojjennaa” jedhee dhoksaatti si wallaalchisee, warra abboonni kee, atis hin beeknetti si geessee, “Waaqayyolii saba warra sitti dhi’oo naannoo kee yookiis daarii lafaa gar tokko hamma gara kaaniitti sittii fagoo jiraniif hojjennaa” yoo jedhe, ati isaaf tole hin jedhin, hin dhaggeeffatiniif, garaan kee isaaf hin oo’in, isa hin mararsiifatin, hin dhoksinis!, Isa #ajjeesuudhaaf ati duraan dursi harka ol fudhadhu! Kana booddee immoo sabni hundinuu harka ol itti haa fudhatu! Ati akkasitti isa #ajjeesi!»(Seera Keessa deebii 13:6-9)
70• «Namni tokko luba yookiis abbaa firdii isa Waaqayyo gooftaa keef hojjechuudhaaf achi dhaabatuuf dhaga’uu didee yoo tuffate haa #ajjeefamu! Ati Israa’el keessaa wanta hamaa #balleessi!»(Seera Keessa Deebii 17:12)
*****************************
Eegaa, Lubbuu Ajjeesuu fi balleessutti eenyuutu ajaja? Deebii Sammuu keessaniif! itti fufa……
MUHAMADJAMAL ALO ABDO
May 30, 2024Maashaa allaah! Barnoota guddaadha.