Shape

SEEXANATU NABIYYII MUHAMMADITTI (SALLALLAAHU ALEYHI WASALLAM) DHUFE MOO MALAA’IKAADHA?

  • Home
  • Amantaa Lamaan
  • SEEXANATU NABIYYII MUHAMMADITTI (SALLALLAAHU ALEYHI WASALLAM) DHUFE MOO MALAA’IKAADHA?

KUTAA TOKKOFFAA

DEEBII DUBBII SOBAA KIRISTAANONNI DUBBATANIIF.

Akkuuma beekamu yeroo hedduu kiristaanonni dubbii sobaa facaasu, yeroo garii ammo yaada jibba qofaan guutameen ka’anii islaamummaa irratti kijiba labsu, akkuma amantii isaanii keessatti dubbii rabbi dabsuudhaan waaqa baay’isan, islaamummaa keessattis barsiisa haaraa kijibaan guutame facaasuuf dhama’u.

Garuu islaamummaan amantaa rabbiin itti ajaje waan taheef tasuma hir’isuun hin danda’amu, sababa kanaaf guyyaa guyyatti namoonni kan islaamummaa fudhatan; alhamdulillaah.

Islaamummaa keessatti bu’uura waan hundumaatu jira, bu’uura kana irra dhaabbannee yeroo hundumaa deebii isaaniif kan laannu; ammas bifuma Kanaan barreeffama kiristaanonni jidduu isaaniitti olii gad oofaniif deebii itti kennuun dirqama waan taheef kana barreessuu kooti.

Barreeffamni kun keessa isaatti namoota kiristaanaa akka isaan islaamummaa jibban gochuuf kan barreeffame malee, waan ragaa irratti gad dhaabbate miti; isa kana ammoo yeroo deebii itti kenninu kan wajjiin ilaallu taha; gargaarsa rabbiitiin

Akka barreeffamni kijibaan isaan jidduu isaanii oofan jedhutti holqa hiraa keessatti nabiyyii muhammaditti kan mullate jinnii ykn sheyxanaadha jedha, kanaaf ammo ragaan inni fidate musnada imaamu ahmad hadiisa lakk. 2825.

DEEBII:

Jalqaba irratti eenyutu nabiyyii muhammaditti (nagaaniifi rahmanni allaah isaaniif haa ta’uu) mul’atte? kan jedhu osoo deebii itti hin kennin, kijiba isaanii ilaaluun dirqama.

Hadiisni musnad ahmed 2825 keessa jiru isa kana.

Akkuma mul’atu kana, hadiisni musnad ahmed 2825 keessa jiru waa’ee kanaan kan walqabatu miti, hadiisni kun kan dubbatu waa’ee nama aangoo qabuuf tole jechuuti.

Hiikni isaas: ”namni tokko hoogganaa isaa irraa waan tokko yoo jibbe haa obsuu! Namni tokkolleen kan hoogganaa/mootii jalaa hanga taakku tokkoos bahu, ergasii kan du’u hin jiraatu, duuti isaa du’a jaahiliyyaa/warra wallaalaa taatu malee”

Musnadni ahmed maxxansaalee hedduu qaba, maxxansi afaan ingiliffaatiin hiikame isa armaa olii kana, maxxansaalee biroos yoo ilaalle hadiisni jarri jedhan keessatti hin argamu, hadiisicha suuraa isaa wajjiin karaa pdf tiin xumura deebii kanaa irratti ni argattu; inshaa allaah.

Musnad ahmed keessatti jalqabaa hanga dhumaatti wanti kanatti akeekuyyuu hin jiru.

Yeroo garii immoo, hadiisa musnad ahmad lakk 2845 irra jiru fidachuuf ni yaalu, inni sunis akkana jedha.

Hiikni isaa: Nabiyyiin (sallallaahu aleyhi wasallam) kadiijaadhaan akkana jedha, “ani ifaa arga, sagalees nan dhaga’a, ani maraatumni (akka irra hedduun beektotaa hiikanitti jecha junan jedhu) ykn tuqaansi jinnii (dhibee waswasaa jedhamu) natti jiraachuu sodaadha” isheenis ni jette, “gonkuma rabbiin kee waan kana sitti hin hojjatu/hin dhiisu yaa ilma abdallah” ergasii waraqaa ilma nowfal nama jedhamutti dhaqxee waan kana itti himte, innis ni jedhe “yoo dhugaa dubbate ta’e inni kun malaa’ikaadha (naamuus) kan akka malaa’ikaa muusee san, osoo ani jiru yoo inni ergame, isaaf tumsa, isa jajjabeessas, isatti amanas”.

Akka asirraa hubannutti nabiyyiin muhammad (sallallaahu aleyhi wasallam) yeroo jalqabaa sodaatanii turan, wanti kun maraatuma moo waatu isaan tuqee jennaan ifaa argan kan jedhu, sababni isaan shakkaniifis mul’ataadha, innis yeroo duraatiif nabiyyiin araba keessaa kan ergame isaan waan ta’eefi, biyya arabaa keessatti malaa’ikaan namatti dhufee dubbachuun hin jiru, sababa kanaaf isaan yeroo jalqabaa hin beekne, osoo nama kijibaan nabiyyummaa ofii kennuu barbaadu ta’ee immoo wanti isa sodaachisus hin jiru, dubbii akkanaas hin dubbatu turan, gaafa waraqaa nama jedhamu waa’ee nabiyyoota duraanii nama beeku bira ga’an immoo, inni wantoota kana waan beekuuf, kan isaanitti dhufe malaa’ikaa akka ta’e itti hime, hadiisa kana keessatti duraan dursee kadiijatti himee, hadiisa bukhaarii lakk 3 keessatti immoo isaanittis hime, hadiisa bukhaarii saba keessatti waan dabalataas itti himee ture, innis akka isaan biyya sanaa baafaman, wanti inni hime sun immoo, akkuma inni jedhetti argame.

Warri bira jiru, kan macaafa beeku, kan seenaa nabiyyootaa beeku, nabiyyiidha, kan itti dhufes malaa’ikaadha jedhe, kiristaanonni jibba hafarsan hoo yaada kana eessaa fudhatan?.

Kan itti dhufe seexana yaadni jedhu kijiba kiristaanonni maqaa nabiyyii Muhammad (sallallaahu aleyhi wasallam) xureessuuf jecha kijibaniidha.

Isa kana ammo amantiidhuma isaaniitu akka isaan hojjataniif isaaniif hayyama.

Roomaa 3:7 ”garuu soba kootiin dhugaan waaqayyoo mul’atee, ulfinna kennisiisaaf yoo ta’e, maaliif ammuma iyyuu akka yakkaatti anatti muramaa jiraree?”

Jalqaba nabiyyii muhammaditti (sallallaahu aleyhi wasallam) wahyiin ykn beeksifni yeroo itti dhufu, kan isaanitti mul’ate malaa’ikaa jibriil jedhamu akka ta’e shakkiin hin jiru, rabbiin qur.aana keessatti akkana jedhee dubbata.

Suuraa 26:191-194

وَإِنَّهُ لَتَنْزِيلُ رَبِّ الْعَالَمِينَ * نَزَلَ بِهِ الرُّوحُ الْأَمِينُ * عَلَى قَلْبِكَ لِتَكُونَ مِنَ الْمُنْذِرِينَ * بِلِسَانٍ عَرَبِيٍّ مُبِينٍ

hiikni isaas: inni (qur’aanni) buufamaa gooftaa aalama hundaati; arraahul al amiin (jibriiltu) isaan bu’e qalbii keetirratti, akka ati akeekkachiiftota (nabiyyoota baana) irraa taatuuf; afaan arabaa isa ifa galaa ta’een bu’e.

RUUH jedhamee wanti waamameef qaama namoota hundatti hin mul’anne tahuu isaa ibsuudhaaf, ammas uumama isaa keessatti akkaataa nuti beeknuun waan hin uumaminiif akkas jedhame, yesus kiristoosiinis ruuhii (uumamtuu) rabbiin biraa dhufte akkuma jedhame, isaanis ruuhii jedhame, sababni yesusiin akkas jedhameefis isuma Kanaan wal fakkaata, innis sababa abbaa malee dhalateef ruuhii jedhame.

AL AMIIN wanti jedhameef immoo, inni wanta ittiin ergame bakkaan gahuu keessatti amanamaa waan ta’eef.

Nabiyyii muhammaditti (sallallaahu aleyhi wasallam) kan dhufe jibriil  akka tahe hadiisonni baay’een ni dubbatu, mee isaan keessaa muraasa fuunee haa ilaalluu!.

HADIISA BUKHAARII LAKK 6.

عَنِ ابْنِ عَبَّاسٍ، قَالَ: «كَانَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَجْوَدَ النَّاسِ، وَكَانَ أَجْوَدُ مَا يَكُونُ فِي رَمَضَانَ حِينَ يَلْقَاهُ جِبْرِيلُ

hiikni isaa: ergamaan allaah irra arjaa namoota hundaati, irra caalatti kan isaan arjoomaa ta’an ramadaan keessa, sunis sababa jibriiliin wal arganiif.

HADIISA BUKHAARII LAKK. 3.

فَجَاءَهُ المَلَكُ فَقَالَ: اقْرَأْ، قَالَ: «مَا أَنَا بِقَارِئٍ»

hiikni isaas: malaa’iktichi itti dhufee, akkana jedheen: dubbisi! innis ni jedhe: ani nama dubbisuu miti…

Hadiisni kunis kan himu gaafa nabiyyiin Muhammad (sallallaahu aleyhi wasallam) holqa hiraa keessa turan, kan itti dhufe malaa’ikaa akka taheedha, hiika afaan ingiliffaa keessatti jecha angel jedhuun hiikama, jechi kun malaa’ikaa ibsa.

Kana qofas osoo hin tahin, waraqaa namni jedhamu yeroo sanitti, inni isaanitti mul’ate malaa’ikaa muuseetti dhufaa ture akka tahe itti himee ture, namni kunis nama kiristaana tureedha, seenaan kunis hadiisuma bukhaarii kana keessa jira.

Hadiisa Bukharii lakk.3

فَقَالَ لَهُ وَرَقَةُ: هَذَا النَّامُوسُ الَّذِي نَزَّلَ اللَّهُ عَلَى مُوسَى، يَا لَيْتَنِي فِيهَا جَذَعًا، لَيْتَنِي أَكُونُ حَيًّا إِذْ يُخْرِجُكَ قَوْمُكَ

Yeroo nabiyyiin Muhammad sallallaahu aleyhi wasallam waraqaa nama jedhamutti waan isaan qunname himan, waraqaan akkana jedheen.

”inni kun isa seera fidu (NAAMUUS) isuma gara muusee ergamaa tureedha, ani nin hawwa yeroo sabni kee biyya keessaa si baasan osoon jiraadhee”.

NAAMUUS maqaan jedhu maqaa jibriil akka ta’e beekamaadha.

Kun osoo akkanatti jiruu, kijibni kiristaanotaa eessaa dhuferee? Gaaffii namatti taha.

ITTI FUFA…

Comment (1)

  • Abubeker Rediwan Redi

    May 18, 2024

    Nice keep it upp

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*