Shape

Seexanatu Nabiyyii Muhammaditti (sallallaahu aleyhi wasallam) Dhufe Moo Malaa’ikaadha? Kutaa 2ffaa

  • Home
  • Amantaa Lamaan
  • Seexanatu Nabiyyii Muhammaditti (sallallaahu aleyhi wasallam) Dhufe Moo Malaa’ikaadha? Kutaa 2ffaa

KUTAA 2FFAA.

Jibriil  gaafa dura nabiyyii keenyatti dhufu qabeenii isaan barsiisee deeme, yeroo lammaffaatti gaafa itti dhufu garuu bifa isaatiin itti mul’atee ture, isa kanaaf ammo ragaan.

HADIISA BUKHAARII LAKK. 4.

أَنَّ جَابِرَ بْنَ عَبْدِ اللَّهِ الأَنْصَارِيَّ، قَالَ: وَهُوَ يُحَدِّثُ عَنْ فَتْرَةِ الوَحْيِ فَقَالَ فِي حَدِيثِهِ: ” بَيْنَا أَنَا أَمْشِي إِذْ سَمِعْتُ صَوْتًا مِنَ السَّمَاءِ، فَرَفَعْتُ بَصَرِي، فَإِذَا المَلَكُ الَّذِي جَاءَنِي بِحِرَاءٍ جَالِسٌ عَلَى كُرْسِيٍّ بَيْنَ السَّمَاءِ وَالأَرْضِ، فَرُعِبْتُ مِنْهُ، فَرَجَعْتُ فَقُلْتُ: زَمِّلُونِي زَمِّلُونِي ” فَأَنْزَلَ اللَّهُ تَعَالَى: {يَا أَيُّهَا المُدَّثِّرُ. قُمْ فَأَنْذِرْ} [المدثر: 2] إِلَى [ص:8] قَوْلِهِ {وَالرُّجْزَ فَاهْجُرْ} [المدثر: 5]

“While I was walking, all of a sudden I heard a voice from the sky. I looked up and saw the same angel who had visited me at the cave of Hira’ sitting on a chair between the sky and the earth. I got afraid of him and came back home and said, ‘Wrap me (in blankets).’ And then Allah revealed the following Holy Verses (of Quran): ‘O you (i.e. Muhammad)! wrapped up in garments!’ Arise and warn (the people against Allah’s Punishment),… up to ‘and desert the idols.’ (74.1-5) After this the revelation started coming strongly, frequently and regularly.”

Hiikni isaas: ”osoma ani deemutti jiruu, sagalee wahii gubbaa irraa dhaga’e, yeroon gara gubbaa ilaalu, malaa’ikaadhuma isa duraa sana arge, isa holqa hiraa keessatti anatti dhufe sana, isa teesoo wahii jidduu samiifii dachiitti jiru irra taa’e jiruun arge, ani sodaadheen gara manaa deebi’een na mammaraa na mammaraa jedhe”.

Akka aadaa naannoo saniitti yeroo sana, namni tokko yoo rifate ni mammaru, ergasii rifaatuun irra deema; sababa kanaaf nabiyyiin keenyas na mammaraa jedhan.

Akka hadiisni kun jedhutti achi boodaan beeksifni/mul’anni wal hodofee dhufuu eegale.

Akkuma arginu kana nabiyyiin Muhammad sallallaahu aleyhi wasallam kan argan jibriil malee seyxana miti, amalli seexanaas akka kana miti.

Sababni inni seexana ta’uu hin dandeenyeef immoo, hadiisa dabre kana keessatti, malaa’ikaan gaafa dubbii rabbii itti himu, waaqayyolii tolfamoo akka hin waaqessine itti hime, kana ammo seexanni hin dubbatu.

‘and desert the idols.’ (74.5)

Akkana jechuun ”ati dhiisi waan rabbiin maletti gabbaramu/waaqayyolii tolfamoo”

idol: jechi jedhu afaan ingiliffaan waaqa tolfamaadha.

oxford wordpower keessatti akkana jedhamee hiikamee jira; ”(noun) a statue that people worship as a god” hiikni isaas: waan tolfamaa akka rabbiitti namoonni waaqessan jechuudha.

 

Akkasumas sababa isaan amala isaaniitiin nama gaarii ta’aniif jecha, kadiijaan akkuma wanti kun isaan qunnameen, waan seexanaan wal hin qabanne ta’uu ragaa baate.

HADIISA BUKHAARII LAKK. 3.

فَزَمَّلُوهُ حَتَّى ذَهَبَ عَنْهُ الرَّوْعُ، فَقَالَ لِخَدِيجَةَ وَأَخْبَرَهَا الْخَبَرَ ‏”‏ لَقَدْ خَشِيتُ عَلَى نَفْسِي ‏”‏‏.‏ فَقَالَتْ خَدِيجَةُ كَلاَّ وَاللَّهِ مَا يُخْزِيكَ اللَّهُ أَبَدًا، إِنَّكَ لَتَصِلُ الرَّحِمَ، وَتَحْمِلُ الْكَلَّ، وَتَكْسِبُ الْمَعْدُومَ، وَتَقْرِي الضَّيْفَ، وَتُعِينُ عَلَى نَوَائِبِ الْحَقِّ‏

They covered him till his fear was over and after that he told her everything that had happened and said, “I fear that something may happen to me.” Khadija replied, “Never! By Allah, Allah will never disgrace you. You keep good relations with your kith and kin, help the poor and the destitute, serve your guests generously and assist the deserving calamity-afflicted ones.”

Hiikni isaas: isaan hanga sodaan/rifaatuun isa irraa deemutti isa mammaran; ergasii kadiijaadhaaf waan argame hime, ni jedhes: ”wanti tokko na mudachuu sodaadha” kadiijaanis ni jette: ”tasuma kun hin ta’u! allaahiin kakadheetii! allaahiin tasuma si hin xiqqeessu! ati aanaa kee ofitti qabda, ba’aalee ulfaatoo namarraa baadhatta/nama dadhabaa gargaarta, hiyeessas gargaarta,  keessummaas ni tajaajilta/kabajja, nama dhugumaan rakkoon isa tuqxe kan gargaaramuu haqa godhatu ni gargaarta/itti arjoomta”

 

Dabalataan nabiyyii Muhammad akka itti salaatan kan barsiise jibriil ture, seexanni akkaataa rabbiif itti salaatan nama barsiifti jechuun ammoo maraatummaadha.

HADIISA NASAA’II LAKK.526.

حَدَّثَنَا جَابِرُ بْنُ عَبْدِ اللَّهِ، قَالَ جَاءَ جِبْرِيلُ عَلَيْهِ السَّلاَمُ إِلَى النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم حِينَ زَالَتِ الشَّمْسُ فَقَالَ قُمْ يَا مُحَمَّدُ فَصَلِّ الظُّهْرَ حِينَ مَالَتِ الشَّمْسُ ثُمَّ مَكَثَ حَتَّى إِذَا كَانَ فَىْءُ الرَّجُلِ مِثْلَهُ جَاءَهُ لِلْعَصْرِ فَقَالَ قُمْ يَا مُحَمَّدُ فَصَلِّ الْعَصْرَ ‏.‏ ثُمَّ مَكَثَ حَتَّى إِذَا غَابَتِ الشَّمْسُ جَاءَهُ فَقَالَ قُمْ فَصَلِّ الْمَغْرِبَ فَقَامَ فَصَلاَّهَا حِينَ غَابَتِ الشَّمْسُ سَوَاءً ثُمَّ مَكَثَ حَتَّى إِذَا ذَهَبَ الشَّفَقُ جَاءَهُ فَقَالَ قُمْ فَصَلِّ الْعِشَاءَ ‏.‏ فَقَامَ فَصَلاَّهَا ثُمَّ جَاءَهُ حِينَ سَطَعَ الْفَجْرُ فِي الصُّبْحِ فَقَالَ قُمْ يَا مُحَمَّدُ فَصَلِّ ‏.‏ فَقَامَ فَصَلَّى الصُّبْحَ ثُمَّ جَاءَهُ مِنَ الْغَدِ حِينَ كَانَ فَىْءُ الرَّجُلِ مِثْلَهُ فَقَالَ قُمْ يَا مُحَمَّدُ فَصَلِّ ‏.‏ فَصَلَّى الظُّهْرَ ثُمَّ جَاءَهُ جِبْرِيلُ عَلَيْهِ السَّلاَمُ حِينَ كَانَ فَىْءُ الرَّجُلِ مِثْلَيْهِ فَقَالَ قُمْ يَا مُحَمَّدُ فَصَلِّ ‏.‏ فَصَلَّى الْعَصْرَ ثُمَّ جَاءَهُ لِلْمَغْرِبِ حِينَ غَابَتِ الشَّمْسُ وَقْتًا وَاحِدًا لَمْ يَزُلْ عَنْهُ فَقَالَ قُمْ فَصَلِّ ‏.‏ فَصَلَّى الْمَغْرِبَ ثُمَّ جَاءَهُ لِلْعِشَاءِ حِينَ ذَهَبَ ثُلُثُ اللَّيْلِ الأَوَّلُ فَقَالَ قُمْ فَصَلِّ ‏.‏ فَصَلَّى الْعِشَاءَ ثُمَّ جَاءَهُ لِلصُّبْحِ حِينَ أَسْفَرَ جِدًّا فَقَالَ قُمْ فَصَلِّ ‏.‏ فَصَلَّى الصُّبْحَ فَقَالَ ‏ “‏ مَا بَيْنَ هَذَيْنِ وَقْتٌ كُلُّهُ ‏”‏ ‏.‏

Jabir bin ‘Abdullah said:
Jibril, peace be upon him, came to the Prophet (ﷺ) when the sun had passed its zenith and said: ‘Get up, O Muhammad, and pray Zuhr when the sun has passed its zenith.’ Then he waited until a man’s shadow was equal to his height. Then he came to him for ‘Asr and said: ‘Get up, O Muhammad, and pray ‘Asr.’ Then he waited until the sunset, then he came to him and said: ‘Get up, O Muhammad, and pray Maghrib.’ So he got up and prayed it when the sun had set. Then he waited until the twilight disappeared, then he came to him and said: ‘Get up, O Muhammad, and pray ‘Isha’.’ So he got up and prayed it. Then he came to him when dawn broke and said: ‘Get up, O Muhammad, and pray.’ So he got up and prayed Subh.’ So he got up and prayed Subh. Then he came to him the next day when a man’s shadow was equal to his height, and said: ‘Get up, O Muhammad, and pray.’ So he prayed Zuhr. Then Jibril came to him when a man’s shadow was equal to twice his length and said: ‘Get up, O Muhammad, and pray.’ So he prayed ‘Asr. Then he came to him for Maghrib when the sun set, at exactly the same time as the day before, and said: ‘Get up, O Muhammad, and pray.’ So he prayed Maghrib. Then he came to him for ‘Isha’ when the first third of the night had passed, and said: ‘Get up and pray.’ So he prayed ‘Isha’. Then he came to him for Subh when it had become very bright, and said: ‘Get up and pray.’ So he prayed Subh. Then he said: ‘The times of prayer one between those two (limits).’

Akka hadiisni kun jedhutti, jibriil (nagaan rabbii isaaf haa ta’uu) yeroo aduun qixxee samii irraa gara dhihaatti dabde nabiyyii muhammaditti (sallallaahu aleyhi wasallam) dhufee, ka’ii salaati! jedheen, innis ka’ee salaate, asraa irrattis itti dhufee, ka’ii salaati! jedheen, innis ka’ee salaate…

Mee namni sammuun isa keessa jirtu seera akkana fakkaatuun akkamitti seera seexanni fide jedhee dubbachuu danda’a?

 

Ammas dabalataan yeroo nabiyyiin Muhammad (sallallaahu aleyhi wasallam) dhukkubsatan, jibriil dhufee maqaa rabbiitiin yaalaa ture, akkuma isaanis maqaa allaahiitiin ykn rabbiitiin dhukkubsataa fayyisaa turan, jibriilis maqaa rabbiitiin nabiyyii Muhammad fayyisaa ture.

HADIISA MUSLIM LAKK. 2186.

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ، أَنَّ جِبْرِيلَ، أَتَى النَّبِيَّ صلى الله عليه وسلم فَقَالَ يَا مُحَمَّدُ اشْتَكَيْتَ فَقَالَ ‏ “‏ نَعَمْ ‏”‏ ‏.‏ قَالَ بِاسْمِ اللَّهِ أَرْقِيكَ مِنْ كُلِّ شَىْءٍ يُؤْذِيكَ مِنْ شَرِّ كُلِّ نَفْسٍ أَوْ عَيْنِ حَاسِدٍ اللَّهُ يَشْفِيكَ بِاسْمِ اللَّهِ أَرْقِيكَ ‏.‏

Abu Sa’id reported that Gabriel came to Allah’s Messenger (ﷺ) and said:

Muhammad, have you fallen ill? Thereupon he said: Yes. He (Gabriel) said: “In the name of Allah I exorcise you from everything and safeguard you from every evil that may harm you and from the eye of a jealous one. Allah would cure you and I invoke the name of Allah for you.”

Hiikni isaas: jibriil gara ergamaa (sallallaahu aleyhi wasallam) dhufee, akkana jedheen: yaa Muhammad ni dhukkubsattee? Ee jedhee deebiseef; innis ni jedhe: ”maqaa allaahiitiin ruqyaa/dawaa siif godha, waan si rakkisu hundarraa, hameenya lubbuu hundaa irraa, yookiinis ija waanyitu irraa, allaahiin si fayyisa, maqaa allaahiitiin ruqyaa/dawaa siif godha”

Akkuma argitan kanatti, jibriil (nagaan isaaf haa ta’uu) dhufee maqaa allaahiitiin/rabbiitiin nabiyyii Muhammad (nagaan isaaniif haa ta’uu) yaalaatiin ture, garuma fedheenuu tahu seexanni dhuftee maqaa rabbiitiin nama fayyifti jechuun maraatummaadha.

Jibriil (nagaan isaaf haa ta’uu) wagga 23 deddeebi’ee nabiyyii muhammaditti aleyhissalaam dhufaa ture, yeroo lama immoo uumama isaa isa bareedaa sanaan nabiyyii muhammaditti mul’atee jira, yeroo garii ammoo nama fakkaatuudhaanis isaanitti dhufaa turee jira, bifa namaatiin yeroo mul’atu ammoo nabiyyii Muhammad (nagaan isaaniif haa ta’uu ) qofaaf osoo hin taane hiriyyoota/sahaabota isaaniittis mul’atee jira, isa kana irra deddeebiidhaan arganii jiru, akkasumas himaniis jiru, yeroo garii ammoo sagalee akka sagalee sibiilaa fakkaatuunis itti dhufee jira, yeroo garii bifaafii sagaleedhaan alattis itti dhufaa ture, isa kana nabiyyiin Muhammad gaafa gaafataman akkana jedhanii deebisan.

HADIISA BUKHAARII LAKK. 2.

عَنْ عَائِشَةَ أُمِّ الْمُؤْمِنِينَ ـ رضى الله عنها ـ أَنَّ الْحَارِثَ بْنَ هِشَامٍ ـ رضى الله عنه ـ سَأَلَ رَسُولَ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم فَقَالَ يَا رَسُولَ اللَّهِ كَيْفَ يَأْتِيكَ الْوَحْىُ فَقَالَ رَسُولُ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم ‏ “‏ أَحْيَانًا يَأْتِينِي مِثْلَ صَلْصَلَةِ الْجَرَسِ ـ وَهُوَ أَشَدُّهُ عَلَىَّ ـ فَيُفْصَمُ عَنِّي وَقَدْ وَعَيْتُ عَنْهُ مَا قَالَ، وَأَحْيَانًا يَتَمَثَّلُ لِيَ الْمَلَكُ رَجُلاً فَيُكَلِّمُنِي فَأَعِي مَا يَقُولُ ‏”‏‏.‏ قَالَتْ عَائِشَةُ رضى الله عنها وَلَقَدْ رَأَيْتُهُ يَنْزِلُ عَلَيْهِ الْوَحْىُ فِي الْيَوْمِ الشَّدِيدِ الْبَرْدِ، فَيَفْصِمُ عَنْهُ وَإِنَّ جَبِينَهُ لَيَتَفَصَّدُ عَرَقًا‏.‏

Narrated ‘Aisha:

(the mother of the faithful believers) Al-Harith bin Hisham asked Allah’s Messenger (ﷺ) “O Allah’s Messenger (ﷺ)! How is the Divine Inspiration revealed to you?” Allah’s Messenger (ﷺ) replied, “Sometimes it is (revealed) like the ringing of a bell, this form of Inspiration is the hardest of all and then this state passes off after I have grasped what is inspired. Sometimes the Angel comes in the form of a man and talks to me and I grasp whatever he says.” ‘Aisha added: Verily I saw the Prophet (ﷺ) being inspired divinely on a very cold day and noticed the sweat dropping from his forehead (as the Inspiration was over).

Hiikni isaas: al haaris ibnu hishaam ergamaa allaah (sallallaahu aleyhi wasallam) gaafate, yaa ergamaa allaah mee mul’anni akkamitti isinitti ghufa? Jedhe, ergamaan allaahis ni jedhan: ”yeroo garii akka sagalee sibiilaa fakkaatee natti dhufa, inni isa hunduma caala natti ulfaatuudha, ergasii narraa kaafama, haaluma waan inni naan jedhe ani qabadhee jiruun, yeroo garii ammoo malaa’iktichi bifa namaatiin natti dhufa, natti dubbatas, waan inni dubbatu nin qabadha, aa’ishaan akkana jetti: ”dhugumaanuu ani isa argee jira, kan wahyiin/mul’anni isa irratti bu’u guyyaa qorri isaa jabaatu keessa, isa irraa kaafama, osoo kallachii/addi isaa dafqa burquun/yaa’uun”

Inni aa’ishaan dubbatte kun mallattoo yeroo mul’anni isaanitti dhufuuti, sahaabonni/waahiloonni isaanii isa kana deddeebiidhaan argan.

Yeroo nabiyyii Muhammad (nagaafi rahmanni isaaniif haa ta’uu) mul’anni itti dhufu, sagalee akka huursa kanniisaa akka dhagahaaa turan barattoonni isaanii ni dubbatu.

HADIISA TIRMIZII LAKK. 3173.

عَنْ عَبْدِ الرَّحْمَنِ بْنِ عَبْدٍ الْقَارِيِّ، قَالَ سَمِعْتُ عُمَرَ بْنَ الْخَطَّابِ، رضى الله عنه يَقُولُ كَانَ النَّبِيُّ صلى الله عليه وسلم إِذَا نَزَلَ عَلَيْهِ الْوَحْىُ سُمِعَ عِنْدَ وَجْهِهِ كَدَوِيِّ النَّحْلِ

Narrated ‘Umar bin Al-Khattab [may Allah be pleased with him]:
“When revelation came to the Messenger of Allah (ﷺ), one could hear what sounded like the drone of bees before his face.

Hiikni isaas: Umar ibnu kaxxaab akkana jedhe: “ergamaan allaahi (sallallaahu aleyhi wasallam) yeroo wahyiin/mul’anni isaanitti dhufu, fuula isaanii biratti sagaleen akka sagalee kanniisaa ni dhaga’ama”

Bakka kanatti waan kiristaanonni kaasan tokkotu jira, innis akkamitti malaa’ikaan yeroo dhufu sagalee qabaata? akkamitti malaa’ikaan sodaatama? kan jedhuudha.

Isa kanaaf immoo deebiin macaafuma isaaniiti.

Daani’el 10:5-9

”yommus ani ol ilaalee, kunoo, namicha uffata quncee talbaa irraa hojjatame uffatee, mudhii isaas hidhata warqee biyya ufaaziin hidhate tokko nan arge, inni dhagni isaa akka dhagaa gati jabeessa bifa margaa, fuulli isaa akka balaqqeessa bakakkaa, ijji isaa akka guca boba’uu, harki isaa fi miilli isaa akka sibiila diimaa kolla’amee in ibsa; sagaleen dubbii isaas akka tuuta huursuuti, ana daani’el kophaatu mul’aticha arge malee, namoonni ana wajjiin turan mul’aticha hin argine, garuu hollannaa guddaan isaan irra geenyaan baqatanii of dhoksan, kanaaf ani kophaa koo hafeen mul’ataa guddaa kana arge, jabinni tokkollees ana keessatti hin hafne, bifni koo hamma iddoodhaa badutti in geeddarame, humni tokkoos anaaf hin hafne, yommus sagalee dubbii isaa nan dhaga’e, yeroon sagalee dubbii isaa dhaga’es ani hojjaa kootiin kufee, adda kootiin gad gombifamee, akka nama rafee of wallaalee nan ta’e”

Asi irratti kan arginu waan hedduudha, malaa’ikaan bifa qabaachuu, nu fakkaachuu baatanis qaama qabaachuu, huursaa dhufuu, nama sodaachisuu, sodaa isaa irraa kan ka’e gaggabuu, kufuu, bifni jijjiiramuu, namoonni isa wajjiin turan mul’ata arguu dhabuudha, garuu kan nabiyyii muhammad (sallallaahu aleyhi wasallam) kana irra mallattoos qaba, barattoonni isaaniis malaa’iikaa arganii akka jiran kutaa itti aanu keessatti qindeessina.

Malaa’ikaan yeroo namatti dhufan akka nama sodaachisan macaafni isaanii bakka heddutti ibsa, kan kakuu moofaa hafee, kakuu haaraa keessattiyyuu bakka heddutti dubbatamee jira.

fkn: matiwos 28:2-4, luuqaas 2:8-10.

Walumaa galatti yeroo nabiyyii keenyatti mul’anni dhufu, mallatoolee hedduudhaan beekama ture.

  1. Bifa namaatiin dhufuudhaan mul’atuu; isa kana ammoo bal’inaan kutaa itti aanu keessatti ni ibsina.
  2. Sagalee akka sagalee kanniisaa dhagahuu; inni kun dabree jira.
  3. Dafqi adda isaanii irraan yaa’uu; inni kunis dabree jira.
  4. Ulfaachuu isaaniiti; inni kun ammoo musnad ahmad hadiisa lakk. 24868 keessatti ibsamee jira, ulfaatina isaanii yeroo ibsan, hanga gaalli isaanii isaan baachuu dadhabdutti jedhan, sahiiha bukhaarii hadiisa lakk 4592 keessatti ammoo, zeydi ilma saabit milli nabiyyii rabbii akka malee akka isatti ulfaatte ni hima.
  5. Fuulli isaanii ni jijjiirama; sahiiha musilm hadiisa lakk. 2334.
  6. Arraba isaanii qur’aana qabachuuf sochoosu;  hadiisa bukhaarii lakk. 5.
  7. Ergamaa rabbii (nagaafi rahmanni allaah isaaniif haa t’uu) sagalee akka huursuutu isaanirraa dhagahama; hadiisa bukhaarii lakk. 1789, sagaleen kan mataa isaaniirraa dhaga’amu, kan asii olitti dubbanneen adda.

mallattooleen kunniin nabiyyummaan isaanii dhugaa akka ta’e kan mul’isaniifi, akkaataa malaa’ikaan namatti dhufaniin kan ibsaniidha.

seexanni immoo, akkaataan isheen namatti dhuftuun akka kana miti; abadan!

ITTI FUFA…

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*