Shape

YESUUS KIRISTOOS EENYU?

YESUUS KIRISTOOS EENYU?

“Yesuus Kiristoos uumama malee uumaa miti”.

1. Qorontos 2ffaa 1: 3
“Waaqayyoof, abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos, abbaa araara hundumaaf, Waaqayyo jajjabina hundumaaf galanni haa ta’u!”

3 የርኅራኄ አባት የመጽናናትም ሁሉ አምላክ የሆነ የጌታችን የኢየሱስ ክርስቶስ አምላክና አባት ይባረክ።

Efesoon 1: 3

“Waaqayyoof, abbaa gooftaa, keenyaa Yesus Kristos isa karaa Kristos eebba hafuuraa hundumaan, waan waaqa irraatiinis nu eebbiseef galanni haa ta’u!”

Qorontos 1ffaa:- 1: 3

“Waaqayyo abbaan keenya gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu!”

✍ Gaaffiin keenya:

1.  Waaqni Yesuus Kiristoos eenyu?
2. Yesuus Kiristoos Waaqa yoo ta’e, Waaqayyo Waaqa biraa qabaa? Moo Waaqa meeqatu jira?

2. Yohannis 17: 3

“Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.”

✍ Gaaffiin keenya:

1. Waaqayyo tokkichi inni dhugaa, Yesuus Kiristosiin kan ergate eenyutu?
2. Yesuus Waaqa yoo ta’e, Waaqni Waaqa biraa ergate jechuudha?

▶3. Qorontos 1ffaa:- 15: 28

“Wanti hundinuu ilma Waaqayyoo jala yommuu galfamu, ilmi immoo ofii isaatii, Waaqayyo isa waan hundumaa miilla isaa jala galche jala in gala; akkasitti Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaa irra in ta’a.”

✍ Gaaffiin keenya:

1. Yesuusiif waan hunduma miila jala kan galche eenyu? 
2. Yesuus Waaqa yoo ta’e, Waaqa jala galfama moo Waaqni jala gala? Eenyuuf bitama?

▶4. Yohannis 20: 17

“Yesus immoo, “Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, ‘Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessanitti ol nan ba’a’ jedhii isaanitti anaaf himi!” jedhee ishee abboome.”

✍ Gaaffiin keenya:

1. Yesuus; “Gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessanitti” yemmuu jedhu, Waaqni isaa eenyu?
2. Yesuus Waaqa yoo ta’e, “Gara obboleewwan kootii fi keessanii” yemmuu jedhu, Waaqni obboleewwan qabaa?

☞5. Marqoos:- 15፥34

“Sa’aatii sagalittis Yesus sagalee guddaadhaan, “Elo’ii, Elo’ii lamaa sabaktanii?” jedhee waammate; kunis, “Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?” jechuutti in hiikama.”

.✍ Gaaffiin keenya:

1. Yesuus Waaqa yoo ta’e, waaqni eenyuun “Waaqayyo koo, Waaqayyo koo” jedhee waammate?
2. Waaqni bakka itti baqatu dhabee, wal waamaa?
☞ 6. Marqoos:- 12:29

“Yesus deebisee, “Inni hundumaa irra caalu, ‘Dhaga’i, yaa Israa’el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha.”

Bakka kanatti Yesuus “Waaqayyo keessan” osoo hin ta’in,  “Waaqayyo keenya” jedhe.

✍ Gaaffiin keenya:

1. Yesuus Kiristoos Waaqa yoo ta’e, “Ani Waaqayyo keesaani” Maaliif hin jenne?
2. Waaqayyo isa tokkicha duwwaa sana malee Waaqayyo biraa jiraa?
3. Egaa Yesuus akkamitti Waaqa ta’a ree?

▶7. Marqoos:- 10:17-18

“Yesus adeemuudhaaf karaa irra yommuu bu’utti, namichi tokko itti fiigee, fuula isaa durattis jilbeenfatee, “Yaa barsiisaa gaarii! Jireenya barabaraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta’a?” jedhee gaafate. Yesus immoo, “Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru.”

    ✍ Gaaffiin keenya:

1. Yesuus Waaqa yoo ta’e, “Yaa barsiisaa gaarii!” jedhanii yemmuu isa waaman maaliif morme?
2. “Waqayyo Gaariin” tokkichi sun eenyu?
3. Waaqayyo tokko duwwaa malee jiraa qofa?

“Yesuus ergamaa Rabbii isa kabajamaa, jaallatamaa, filataamaadha malee, Waaqayyo miti.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*